< Faarfannaa 20 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu; maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.
Kwa kiongozi wa muziki. Zaburi ya Daudi. Mungu akusaidie wakati wa shida; na jina la Mungu wa Yakobo likulinde
2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu; Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
na kutuma msaada kutoka mahali patakatifu kwa ajili ya kukutegemeza wewe kutoka Sayuni.
3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu; qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
Naye akumbuke sadaka yako yote na kuipokea sadaka ya kuteketezwa.
4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu; karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
Naye akujalie haja za moyo wako na kutimiza mipango yako yote.
5 Yommuu ati moʼattutti ililchinee maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna. Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.
Ndipo tutakapo shangilia katika ushindi wako, na, katika jina la Mungu wetu, tutapeperusha bendera. Yahwe naakupe maombi yako yote ya haki.
6 Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka; Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
Sasa ninajua ya kuwa Yahwe atawaokoa wapakwa mafuta wake; yeye atamjibu yeye kutoka katika mbingu takatifu kwa uweza wa mkono wake wa kuume ambao waweza kumuokoa yeye.
7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
Baadhi hamini katika magari na wengine katika farasi, lakini sisi tumuita Yahwe Mungu wetu.
8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana; jabaannees ni dhaabanna.
Wao watashushwa chini na kuanguka, bali sisi tutainuka na kusimama wima!
9 Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni! Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!
Yahwe, umuokoe mfalme; utusaidie sisi tukuitapo.

< Faarfannaa 20 >