< Faarfannaa 20 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu; maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.
[For the Chief Musician. A Psalm by David.] May the LORD answer you in the day of trouble. May the name of the God of Jacob set you up on high.
2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu; Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
He will send you help from the sanctuary, and give you support from Zion.
3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu; qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
He will remember all your offerings, and accept your burnt sacrifice. (Selah)
4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu; karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
He will grant you your heart's desire, and fulfill all your plans.
5 Yommuu ati moʼattutti ililchinee maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna. Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.
We will triumph in your salvation. In the name of our God, we will set up our banners. May the LORD grant all your requests.
6 Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka; Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
Now I know that the LORD saves his anointed. He will answer him from his holy heaven, with a mighty act of deliverance by his right hand.
7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
Some [trust] in chariots, and some in horses, but we trust the name of the LORD our God.
8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana; jabaannees ni dhaabanna.
They are bowed down and fallen, but we rise up, and stand upright.
9 Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni! Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!
Save, LORD. Let the King answer us when we call.

< Faarfannaa 20 >