< Faarfannaa 19 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
[For the Chief Musician. A Psalm by David.] The heavens declare the glory of God. The expanse shows his handiwork.
2 Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa, halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
Day after day they pour forth speech, and night after night they display knowledge.
3 Haasaan yookaan dubbiin hin jiru; sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.
There is no speech nor language, where their voice is not heard.
4 Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe. Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;
Their voice has gone out to all the earth, their words to the farthest part of the world. In them he has set a tent for the sun,
5 biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.
which is as a bridegroom coming out of his chamber, like a strong man rejoicing to run his course.
6 Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee gara handaara kaaniitti naannofti; wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.
His going forth is from the end of the heavens, his circuit to its ends; There is nothing hidden from its heat.
7 Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu; lubbuu namatti deebisa. Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha; nama wallaalaa beekaa godha.
The LORD's Law is perfect, restoring the soul. The LORD's testimony is sure, making wise the simple.
8 Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha; garaadhaaf gammachuu kenna. Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha; ijaafis ifa kenna.
The LORD's precepts are right, rejoicing the heart. The LORD's commandment is pure, enlightening the eyes.
9 Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha; bara baraan jiraata. Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha; walumaa galattis qajeelaa dha.
The fear of the LORD is clean, enduring forever. The LORD's ordinances are true, and righteous altogether.
10 Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.
More to be desired are they than gold, yes, than much fine gold; sweeter also than honey and the extract of the honeycomb.
11 Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama; isa eeguunis gatii guddaa qaba.
Moreover by them is your servant warned. In keeping them there is great reward.
12 Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa? Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.
Who can discern his errors? Forgive me from hidden errors.
13 Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi; cubbuun kunis na hin moʼatin. Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha; dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.
Keep back your servant also from presumptuous sins. Let them not have dominion over me. Then I will be upright. I will be blameless and innocent of great transgression.
14 Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko, dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.
Let the words of my mouth and the meditation of my heart be acceptable in your sight always, LORD, my rock and my redeemer.

< Faarfannaa 19 >