< Faarfannaa 18 >
1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha Waaqayyoo; innis yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate. Innis akkana jedhe: Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
To the chief music-maker. Of the servant of the Lord, of David, who said the words of this song to the Lord on the day when the Lord made him free from the hand of all his haters, and from the hand of Saul; and he said, I will give you my love, O Lord, my strength.
2 Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
The Lord is my Rock, my walled town, and my saviour; my God, my Rock, in him will I put my faith; my breastplate, and the horn of my salvation, and my high tower.
3 Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
I will send up my cry to the Lord, who is to be praised; so will I be made safe from those who are against me.
4 Funyoon duʼaa na xaxe; lolaan badiisaas na liqimseera.
The cords of death were round me, and the seas of evil put me in fear.
5 Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol )
The cords of hell were round me: the nets of death came on me. (Sheol )
6 Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
In my trouble my voice went up to the Lord, and my cry to my God: my voice came to his hearing in his holy Temple, and my prayer came before him, even into his ears.
7 Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
Then trouble and shock came on the earth; and the bases of the mountains were moved and shaking, because he was angry.
8 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
There went up a smoke from his nose, and a fire of destruction from his mouth: flames were lighted by it.
9 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
The heavens were bent, so that he might come down; and it was dark under his feet.
10 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
And he went in flight through the air, seated on a storm-cloud: going quickly on the wings of the wind.
11 Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
He made the dark his secret place; his tent round him was the dark waters and thick clouds of the skies.
12 Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.
Before his shining light his dark clouds went past, raining ice and fire.
13 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
The Lord made thunder in the heavens, and the voice of the Highest was sounding out: a rain of ice and fire.
14 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
He sent out his arrows, driving them in all directions; by his flames of fire they were troubled.
15 Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin, humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis, sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
Then the deep beds of the waters were seen, and the bases of the world were uncovered, because of your words of wrath, O Lord, because of the breath from your mouth.
16 Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
He sent from on high, he took me, pulling me out of great waters.
17 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
He made me free from my strong hater, and from those who were against me, because they were stronger than I.
18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
They came on me in the day of my trouble; but the Lord was my support.
19 Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
He took me out into a wide place; he was my saviour because he had delight in me.
20 Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
The Lord gives me the reward of my righteousness, because my hands are clean before him.
21 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
For I have kept the ways of the Lord; I have not been turned away in sin from my God.
22 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis labsii isaa irraa hin gorre.
For all his decisions were before me, and I did not put away his laws from me.
23 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
And I was upright before him, and I kept myself from sin.
24 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
Because of this the Lord has given me the reward of my righteousness, because my hands are clean in his eyes.
25 Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.
On him who has mercy you will have mercy; to the upright you will be upright;
26 Nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
He who is holy will see that you are holy; but to the man whose way is not straight you will be a hard judge.
27 Ati warra gad of qaban ni oolchita; ija of tuulu garuu gad deebifta.
For you are the saviour of those who are in trouble; but eyes full of pride will be made low.
28 Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita; Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara.
You, O Lord, will be my light; by you, my God, the dark will be made bright for me.
29 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
By your help I have made a way through the wall which was shutting me in; by the help of my God I have gone over a wall.
30 Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galan hundaaf Waaqayyo gaachana taʼa.
As for God, his way is completely good; the word of the Lord is tested; he is a breastplate for all those who put their faith in him.
31 Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees kattaan eenyu?
For who is God but the Lord? or who is a Rock but our God?
32 Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
God puts a strong band about me, guiding me in a straight way.
33 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
He makes my feet like roes' feet, and puts me on high places.
34 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
He makes my hands expert in war, so that a bow of brass is bent by my arms.
35 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; harki kee mirgaa ol na qabeera; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
You have given me the breastplate of your salvation: your right hand has been my support, and your mercy has made me great.
36 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
You have made my steps wide under me, so that my feet are kept from slipping.
37 Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
I go after my haters and overtake them; not turning back till they are all overcome.
38 Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
I will give them wounds, so that they are not able to get up: they are stretched under my feet.
39 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
For I have been armed by you with strength for the fight: you have made low under me those who come out against me.
40 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
By you their backs are turned in flight, so that my haters are cut off.
41 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
They were crying out, but there was no one to come to their help: even to the Lord, but he gave them no answer.
42 Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake; akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.
Then they were crushed as small as dust before the wind; they were drained out like the waste of the streets.
43 Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa na gooteerta; sabni ani hin beekne na tajaajila.
You have made me free from the fightings of the people; you have made me the head of the nations: a people of whom I had no knowledge will be my servants.
44 Namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
From the time when my name comes to their ears they will be ruled by me: men of other countries will, with false hearts, put themselves under my authority.
45 Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
They will be wasting away, they will come out of their secret places shaking with fear.
46 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
The Lord is living; praise be to my Rock, and let the God of my salvation be honoured.
47 Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jalatti bulchuu dha;
It is God who sends punishment on my haters, and puts peoples under my rule.
48 diinota koo jalaas na baasa. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
He makes me free from my haters; I am lifted up over those who come up against me: you have made me free from the violent man.
49 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
Because of this I will give you praise, O Lord, among the nations, and will make a song of praise to your name.
50 Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, jaalala bara baraa ni argisiisa.
Great salvation does he give to his king; he has mercy on the king of his selection, David, and on his seed for ever.