< Faarfannaa 17 >
1 Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi; booʼicha koos dhaggeeffadhu. Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine keessaa baʼuufis gurra kenni.
Maombi ya Daudi. Sikia ombi langu kwa ajili ya haki, Yawhe; uusikilize mwito wangu wa msaada. Uyasikilize maombi yangu yatokayo katika midomo isiyo na udanganyifu.
2 Murtiin koo si biraa haa dhufu; iji kees waan qajeelaa haa argu.
Uthibitisho wangu na uje kutoka uweponi mwako; macho yako na yaone kile kilicho sahihi!
3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte, yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu; ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
Kama utaujaribu moyo wangu, kama utakuja kwangu wakati wa usiku, wewe utanitakasa na hautapata mipango yeyote ya uovu; mdomo wangu hautavunja sheria.
4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
Kama kwa matendo ya binadamu, ni katika neno la midomo yako ya kuwa nimejiepusha na njia za wahalifu.
5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera; miilli koos hin mucucaanne.
Mwenendo wangu umeshikila kwa umakini mwenendo wako; miguu yangu haija teleza.
6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha; gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.
Nakuita wewe, kwa kuwa unanijibu, Mungu; geizia sikio lako kwangu na usikilize ninapo ongea.
7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan harka kee mirgaatiin oolchitu, ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
Onyesha uaminifu wa agano lako katika namna ya ajabu, wewe uokoaye kwa mkono wa haki yako wale wanao kukimbilia wewe kutoka kwa adui zao.
8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi; gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
Unilinde kama mboni ya jicho lako; unifiche katika kivuli cha mbawa zako
9 hamoota na dhiphisan jalaa, diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.
kutoka katika uwepo wa waovu ambao wananitusi, adui zangu wanizungukao.
10 Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu; afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.
Wao hawana huruma kwa yeyote; midomo yao huongea kwa majivuno.
11 Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru; lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.
Wao wame zizunguka hatua zangu. Wamekaza macho yao wanishambulie mpaka ardhini.
12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti; akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.
Wao ni kama mfano wa hasira ya simba mawindoni. Ni kama simba kijana anapotokea mafichoni.
13 Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi; goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.
Inuka, Yahwe! Uwashambulie! Uwaangushe chini kwenye nyuso zao! Uyaokoe maisha yangu kutokana na waovu kwa upanga wako!
14 Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa, namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa harka keetiin na baraari. Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu; ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan; isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.
Uniokoe kutoka kwa watu hawa kwa mkono wako, Yahwe, kutoka kwa watu wa dunia hii ambao utajiri wao ni maisha haya pekee! Wewe utayajaza matumbo ya wale uwathaminio na utajiri; watakuwa na watoto wengi na wataacha utajiri wao kwa watoto wao.
15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.
Bali mimi, nitauona uso wako katika haki; Nitashuhudiwa, pale nitakapo amka, na macho yako.