< Faarfannaa 16 >
1 Miiktaamii Daawit. Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, ati na eegi.
Unilinde, Mungu, kwa kuwa nakimbilia kwako kwa ajili ya usalama.
2 Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti; ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.
Nami ninasema kwa Yahwe, “Wewe ni Bwana wangu; wema wangu ni bure pasipo wewe.
3 Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada.
Kama kwa watakatifu walioko duniani, ndio walio bora; furaha yangu yote iko kwao.
4 Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
Taabu yao itaongezeka, wale watafutao miungu mingine. Sitamimina sadaka ya damu kwa miungu yao. Wala kuyainua majina yao kwa midomo yao.
5 Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; ixaa koos situ naa jiraachisa.
Yahwe, wewe ni sehemu ya chaguo langu na kikombe changu. Unaishikilia kesho yangu.
6 Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.
Mistari iliyo pimwa imelelazwa mahari pa kufurahisha kwa ajili yangu; hakika urithi ufurahishao ni wangu.
7 Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha.
Nitakubariki Yahwe, wewe unishauliye; hata wakati wa usiku akili zangu za nielekeza.
8 Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
Nimemuweka Yahwe mbele yangu kila wakati, ili nisitikisike kutoka mkono wake wa kuume.
9 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata;
Kwa hiyo moyo wangu unafuraha, utukufu wangu washangilia. Hakika nitaishi katika usalama.
10 ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu. (Sheol )
Kwa kuwa hautaiacha roho yangu kuzimuni. Wewe hautamuacha mwaminifu wako kuliona shimo. (Sheol )
11 Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
Wewe hunifundisha njia ya maisha; furaha tele inakaa katika uwepo wako; furaha inakaa katika mkono wako wa kuume milele!”