< Faarfannaa 16 >

1 Miiktaamii Daawit. Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, ati na eegi.
Imikithamu kaDavida. Ngilondoloza, Oh Nkulunkulu, ngoba ngiphephela kuwe.
2 Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti; ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.
Ngathi kuThixo, “UnguThixo wami; ngaphandle kwakho angilakho okuhle.”
3 Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada.
Labo abangcwele abakhona elizweni bangabakhazimulayo engithokoza ngabo.
4 Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
Labo abagijimela abanye onkulunkulu inhlupho zabo zizakwanda. Angiyi kuyithulula iminikelo yegazi kubonkulunkulu labo njalo amabizo abo kawayikuphuma kwezami izindebe.
5 Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; ixaa koos situ naa jiraachisa.
Thixo, usungahlukanisele isabelo sami kanye lenkezo yami; konke okwami usukumise kuhle.
6 Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.
Imingcele yesabelo sami idabula ezindaweni ezibukekayo; ngeqiniso elami ilifa liyathokozisa.
7 Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha.
Ngizamdumisa uThixo, onguye ongelulekayo; lasebusuku inhliziyo yami iyangiqondisa.
8 Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
Ngikhangele kuThixo kokuphela. Njengoba esesandleni sami sokunene angiyi kunyikinywa.
9 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata;
Ngakho-ke inhliziyo yami iyathokoza lolimi lwami luyajabula; lomzimba wami uzaphumula uvikelekile,
10 ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu. (Sheol h7585)
ngoba kawuzukungiyekela ngize ngiye endaweni yabafileyo, njalo kawusoze wekele othembekileyo wakho ezwe ukubola. (Sheol h7585)
11 Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
Usungazisile indlela yempilo; uzangigcwalisa ngokuthaba phambi kwakho, ngenjabulo engapheliyo kwesokunene sakho.

< Faarfannaa 16 >