< Faarfannaa 150 >
1 Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.
Msifuni Bwana. Msifuni Mungu katika patakatifu pake, msifuni katika mbingu zake kuu.
2 Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.
Msifuni kwa matendo yake makuu, msifuni kwa kadiri ya wingi wa ukuu wake.
3 Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;
Msifuni kwa mvumo wa tarumbeta, msifuni kwa kinubi na zeze,
4 dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.
msifuni kwa matari na kucheza, msifuni kwa kinanda cha nyuzi na filimbi,
5 Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.
msifuni kwa matoazi yaliayo, msifuni kwa matoazi yavumayo sana.
6 Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.
Kila chenye pumzi na kimsifu Bwana. Msifuni Bwana!