< Faarfannaa 150 >

1 Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.
הללו יה הללו אל בקדשו הללוהו ברקיע עזו׃
2 Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.
הללוהו בגבורתיו הללוהו כרב גדלו׃
3 Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;
הללוהו בתקע שופר הללוהו בנבל וכנור׃
4 dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.
הללוהו בתף ומחול הללוהו במנים ועוגב׃
5 Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.
הללוהו בצלצלי שמע הללוהו בצלצלי תרועה׃
6 Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.
כל הנשמה תהלל יה הללו יה׃

< Faarfannaa 150 >