< Faarfannaa 149 >

1 Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
αλληλουια ᾄσατε τῷ κυρίῳ ᾆσμα καινόν ἡ αἴνεσις αὐτοῦ ἐν ἐκκλησίᾳ ὁσίων
2 Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
εὐφρανθήτω Ισραηλ ἐπὶ τῷ ποιήσαντι αὐτόν καὶ υἱοὶ Σιων ἀγαλλιάσθωσαν ἐπὶ τῷ βασιλεῖ αὐτῶν
3 Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
αἰνεσάτωσαν τὸ ὄνομα αὐτοῦ ἐν χορῷ ἐν τυμπάνῳ καὶ ψαλτηρίῳ ψαλάτωσαν αὐτῷ
4 Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
ὅτι εὐδοκεῖ κύριος ἐν λαῷ αὐτοῦ καὶ ὑψώσει πραεῖς ἐν σωτηρίᾳ
5 Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
καυχήσονται ὅσιοι ἐν δόξῃ καὶ ἀγαλλιάσονται ἐπὶ τῶν κοιτῶν αὐτῶν
6 Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
αἱ ὑψώσεις τοῦ θεοῦ ἐν τῷ λάρυγγι αὐτῶν καὶ ῥομφαῖαι δίστομοι ἐν ταῖς χερσὶν αὐτῶν
7 kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf;
τοῦ ποιῆσαι ἐκδίκησιν ἐν τοῖς ἔθνεσιν ἐλεγμοὺς ἐν τοῖς λαοῖς
8 mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
τοῦ δῆσαι τοὺς βασιλεῖς αὐτῶν ἐν πέδαις καὶ τοὺς ἐνδόξους αὐτῶν ἐν χειροπέδαις σιδηραῖς
9 murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.
τοῦ ποιῆσαι ἐν αὐτοῖς κρίμα ἔγγραπτον δόξα αὕτη ἐστὶν πᾶσι τοῖς ὁσίοις αὐτοῦ

< Faarfannaa 149 >