< Faarfannaa 149 >

1 Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa. 2 Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu. 3 Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu. 4 Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa. 5 Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan. 6 Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu; 7 kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf; 8 mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf, 9 murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.

< Faarfannaa 149 >