< Faarfannaa 148 >

1 Haalleluuyaa. Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa; ol gubbaatti isa galateeffadhaa.
Praise the LORD! Praise the LORD from the heavens! Praise him in the heights!
2 Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.
Praise him, all his angels! Praise him, all his army!
3 Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa; urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.
Praise him, sun and moon! Praise him, all you shining stars!
4 Samiiwwan samii isa galateeffadhaa; bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.
Praise him, you heavens of heavens, you waters that are above the heavens.
5 Isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.
Let them praise the LORD’s name, for he commanded, and they were created.
6 Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera; seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.
He has also established them forever and ever. He has made a decree which will not pass away.
7 Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi, lafa irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;
Praise the LORD from the earth, you great sea creatures, and all depths,
8 bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi, bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,
lightning and hail, snow and clouds, stormy wind, fulfilling his word,
9 tulluuwwanii fi gaarran hundinuu, mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,
mountains and all hills, fruit trees and all cedars,
10 bineensonnii fi loon hundinuu, uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,
wild animals and all livestock, small creatures and flying birds,
11 mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu, ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,
kings of the earth and all peoples, princes and all judges of the earth,
12 dargaggoonnii fi shamarran, jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.
both young men and maidens, old men and children.
13 Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
Let them praise the LORD’s name, for his name alone is exalted. His glory is above the earth and the heavens.
14 Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera; kunis qulqulloota isaa hundaaf, saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.
He has lifted up the horn of his people, the praise of all his saints, even of the children of Israel, a people near to him. Praise the LORD!

< Faarfannaa 148 >