< Faarfannaa 146 >

1 Haalleluuyaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.
הללו-יה הללי נפשי את-יהוה
2 Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha; ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.
אהללה יהוה בחיי אזמרה לאלהי בעודי
3 Abdii keessan bulchitoota irra, namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
אל-תבטחו בנדיבים-- בבן-אדם שאין לו תשועה
4 Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu; guyyuma sanas karoorri isaanii bada.
תצא רוחו ישב לאדמתו ביום ההוא אבדו עשתנתיו
5 Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.
אשרי--שאל יעקב בעזרו שברו על-יהוה אלהיו
6 Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti; inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.
עשה שמים וארץ-- את-הים ואת-כל-אשר-בם השמר אמת לעולם
7 Inni warra cunqurfamaniif ni mura; warra beelaʼaniif nyaata kenna. Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;
עשה משפט לעשוקים--נתן לחם לרעבים יהוה מתיר אסורים
8 Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna; Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba; Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.
יהוה פקח עורים--יהוה זקף כפופים יהוה אהב צדיקים
9 Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa; karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.
יהוה שמר את-גרים--יתום ואלמנה יעודד ודרך רשעים יעות
10 Waaqayyo bara baraan ni moʼa; Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa. Haalleluuyaa.
ימלך יהוה לעולם-- אלהיך ציון לדר ודר הללו-יה

< Faarfannaa 146 >