< Faarfannaa 145 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
Wimbo wa Sifa. Wa Daudi. Nitakutukuza wewe, Mungu wangu Mfalme, nitalisifu jina lako milele na milele.
2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
Kila siku nitakusifu na kulitukuza jina lako milele na milele.
3 Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
Bwana ni mkuu, anayestahili kusifiwa sana, ukuu wake haupimiki.
4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.
Kizazi kimoja kitasifia kazi zako kwa kizazi kingine, watasimulia matendo yako makuu.
5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
Watasema juu ya utukufu wa fahari ya ukuu wako, nami nitatafakari juu ya kazi zako za ajabu.
6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; anis guddina kee nan labsa.
Watasimulia uwezo wa kazi zako za kutisha, nami nitatangaza matendo yako makuu.
7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
Wataadhimisha wema wako mwingi, na wataimba kwa shangwe juu ya haki yako.
8 Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
Bwana ni mwenye neema na mwingi wa huruma, si mwepesi wa hasira, bali ni mwingi wa upendo.
9 Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.
Bwana ni mwema kwa wote, ana huruma kwa vyote alivyovifanya.
10 Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; qulqulloonni kees si leellisu.
Ee Bwana, vyote ulivyovifanya vitakusifu, watakatifu wako watakutukuza.
11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
Watasimulia utukufu wa ufalme wako na kusema juu ya ukuu wako,
12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
ili watu wote wajue matendo yako makuu na utukufu wa fahari ya ufalme wako.
13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
Ufalme wako ni ufalme wa milele, mamlaka yako hudumu vizazi vyote. Bwana ni mwaminifu kwa ahadi zake zote na mwenye upendo kwa vyote alivyovifanya.
14 Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; warra gad qabaman hundas ni kaasa.
Bwana huwategemeza wote waangukao, na huwainua wote waliolemewa na mizigo yao.
15 Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.
Macho yao wote yanakutazama wewe, nawe huwapa chakula chao wakati wake.
16 Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
Waufumbua mkono wako, watosheleza haja ya kila kitu kilicho hai.
17 Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
Bwana ni mwenye haki katika njia zake zote, na mwenye upendo kwa vyote alivyovifanya.
18 Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
Bwana yu karibu na wote wamwitao, karibu na wote wamwitao kwa uaminifu.
19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
Huwatimizia wamchao matakwa yao, husikia kilio chao na kuwaokoa.
20 Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
Bwana huwalinda wote wampendao, bali waovu wote atawaangamiza.
21 Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.
Kinywa changu kitazinena sifa za Bwana. Kila kiumbe na kilisifu jina lake takatifu milele na milele.

< Faarfannaa 145 >