< Faarfannaa 145 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
תהלה לדוד ארוממך אלוהי המלך ואברכה שמך לעולם ועד׃
2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
בכל יום אברכך ואהללה שמך לעולם ועד׃
3 Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
גדול יהוה ומהלל מאד ולגדלתו אין חקר׃
4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.
דור לדור ישבח מעשיך וגבורתיך יגידו׃
5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
הדר כבוד הודך ודברי נפלאותיך אשיחה׃
6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; anis guddina kee nan labsa.
ועזוז נוראתיך יאמרו וגדולתיך אספרנה׃
7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
זכר רב טובך יביעו וצדקתך ירננו׃
8 Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
חנון ורחום יהוה ארך אפים וגדל חסד׃
9 Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.
טוב יהוה לכל ורחמיו על כל מעשיו׃
10 Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; qulqulloonni kees si leellisu.
יודוך יהוה כל מעשיך וחסידיך יברכוכה׃
11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
כבוד מלכותך יאמרו וגבורתך ידברו׃
12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
להודיע לבני האדם גבורתיו וכבוד הדר מלכותו׃
13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
מלכותך מלכות כל עלמים וממשלתך בכל דור ודור׃
14 Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; warra gad qabaman hundas ni kaasa.
סומך יהוה לכל הנפלים וזוקף לכל הכפופים׃
15 Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.
עיני כל אליך ישברו ואתה נותן להם את אכלם בעתו׃
16 Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
פותח את ידך ומשביע לכל חי רצון׃
17 Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
צדיק יהוה בכל דרכיו וחסיד בכל מעשיו׃
18 Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
קרוב יהוה לכל קראיו לכל אשר יקראהו באמת׃
19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
רצון יראיו יעשה ואת שועתם ישמע ויושיעם׃
20 Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
שומר יהוה את כל אהביו ואת כל הרשעים ישמיד׃
21 Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.
תהלת יהוה ידבר פי ויברך כל בשר שם קדשו לעולם ועד׃

< Faarfannaa 145 >