< Faarfannaa 144 >
1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo kattaa koo, isa harka koo waraanaaf, quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
Zaburi ya Daudi. Sifa ni kwa Bwana Mwamba wangu, aifundishaye mikono yangu vita, na vidole vyangu kupigana.
2 Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti; iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti. Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu, kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
Yeye ni Mungu wangu wa upendo na boma langu, ngome yangu na mwokozi wangu, ngao yangu ninayemkimbilia, ambaye huwatiisha mataifa chini yangu.
3 Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali? Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?
Ee Bwana, mwanadamu ni nini hata umjali, Binadamu ni nini hata umfikirie?
4 Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti, barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.
Mwanadamu ni kama pumzi, siku zake ni kama kivuli kinachopita.
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi; akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.
Ee Bwana, pasua mbingu zako, ushuke, gusa milima ili itoe moshi.
6 Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi; xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.
Peleka umeme uwatawanye adui, lenga mishale yako uwashinde.
7 Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii bishaan jabaa jalaa, harka alagaa duraas, na baasi; na oolchis;
Nyoosha mkono wako kutoka juu, nikomboe na kuniokoa kutoka maji makuu, kutoka mikononi mwa wageni
8 warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.
ambao vinywa vyao vimejaa uongo, na mikono yao ya kuume ni midanganyifu.
9 Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha; kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;
Ee Mungu, nitakuimbia wimbo mpya, kwa zeze yenye nyuzi kumi nitakuimbia,
10 isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
kwa Yule awapaye wafalme ushindi, ambaye humwokoa Daudi, mtumishi wake kutokana na upanga hatari.
11 Harka Ormootaa duraa, warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.
Nikomboe na uniokoe kutoka mikononi mwa wageni ambao vinywa vyao vimejaa uongo, na mikono yao ya kuume ni midanganyifu.
12 Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti, akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan; intallan keenyas akka utubaa golee, kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.
Kisha wana wetu wakati wa ujana wao watakuwa kama mimea iliyotunzwa vizuri, binti zetu watakuwa kama nguzo zilizoviringwa kurembesha jumba la kifalme.
13 Gombisaawwan keenya, midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman. Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan; dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin haa baayʼatan;
Ghala zetu zitajazwa aina zote za mahitaji. Kondoo zetu watazaa kwa maelfu, kwa makumi ya maelfu katika mashamba yetu;
14 loon keenya haa dorroban hin gatatin yookaan yeroo malee hin dhalin; boojiʼamuunis hin jiraatin; wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.
maksai wetu watakokota mizigo mizito. Hakutakuwa na kubomoka kuta, hakuna kuchukuliwa mateka, wala kilio cha taabu katika barabara zetu.
15 Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan; warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.
Heri watu ambao hili ni kweli; heri wale ambao Bwana ni Mungu wao.