< Faarfannaa 144 >

1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo kattaa koo, isa harka koo waraanaaf, quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
A Psalm. Of David. Praise be to the God of my strength, teaching my hands the use of the sword, and my fingers the art of fighting:
2 Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti; iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti. Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu, kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
He is my strength, and my Rock; my high tower, and my saviour; my keeper and my hope: he gives me authority over my people.
3 Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali? Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?
Lord, what is man, that you keep him in mind? or the son of man that you take him into account?
4 Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti, barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.
Man is like a breath: his life is like a shade which is quickly gone.
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi; akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.
Come down, O Lord, from your heavens: at your touch let the mountains give out smoke.
6 Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi; xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.
With your storm-flames send them in flight: send out your arrows for their destruction.
7 Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii bishaan jabaa jalaa, harka alagaa duraas, na baasi; na oolchis;
Put out your hand from on high; make me free, take me safely out of the great waters, and out of the hands of strange men;
8 warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.
In whose mouths are false words, and whose right hand is a right hand of deceit.
9 Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha; kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;
I will make a new song to you, O God; I will make melody to you on an instrument of ten cords.
10 isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
It is God who gives salvation to kings; and who kept his servant David from the wounding sword.
11 Harka Ormootaa duraa, warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.
Make me free, and take me out of the hands of strange men, in whose mouths are false words, and whose right hand is a right hand of deceit.
12 Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti, akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan; intallan keenyas akka utubaa golee, kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.
Our sons are like tall young plants; and our daughters like the shining stones of a king's house;
13 Gombisaawwan keenya, midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman. Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan; dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin haa baayʼatan;
Our store-houses are full of all good things; and our sheep give birth to thousands and ten thousands in our fields.
14 loon keenya haa dorroban hin gatatin yookaan yeroo malee hin dhalin; boojiʼamuunis hin jiraatin; wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.
Our oxen are well weighted down; our cows give birth safely; there is no going out, and there is no cry of sorrow in our open places.
15 Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan; warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.
Happy is the nation whose ways are so ordered: yes, happy is the nation whose God is the Lord.

< Faarfannaa 144 >