< Faarfannaa 143 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; gurra kees gara waammata kootiitti deebisi; amanamummaa fi qajeelummaa keetiin, na gargaari. 2 Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin; namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii. 3 Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii; jireenya koos butuchee biyyootti make. Akkuma warra dur duʼaniittis dukkana keessa na jiraachiseera. 4 Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera; onneen koos na keessatti rifatteerti. 5 Ani guyyoota durii nan yaadadha; waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; waan harki kee hojjete illee nan heda. 6 Harka koo gara keetti nan diriirfadha; lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti. 7 Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni; hafuurri koo dadhabeera. Fuula kee na duraa hin dhoksin yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa. 8 Ani waanan si amanadheef, akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi. Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii, karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi. 9 Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii, diinota koo jalaa na baasi. 10 Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu. 11 Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi; qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi. 12 Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi; waan ani garbicha kee taʼeef, warra na cunqursan hunda barbadeessi.

< Faarfannaa 143 >