< Faarfannaa 141 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi. Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.
Zaburi ya Daudi. Ee Bwana, ninakuita wewe, uje kwangu hima. Sikia sauti yangu ninapokuita.
2 Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.
Maombi yangu na yafike mbele zako kama uvumba; kuinua mikono yangu juu na kuwe kama dhabihu ya jioni.
3 Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi; balbala afaan kootiis naa eegi.
Ee Bwana, weka mlinzi kinywani mwangu, weka ulinzi mlangoni mwa midomo yangu.
4 Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin, hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf, gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin; akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.
Usiuache moyo wangu uvutwe katika jambo baya, nisije nikashiriki katika matendo maovu pamoja na watu watendao mabaya, wala nisije nikala vyakula vyao vya anasa.
5 Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii; inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti. Mataan koo waan kana hin didu. Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.
Mtu mwenye haki na anipige: ni jambo la huruma; na anikemee: ni mafuta kichwani mwangu. Kichwa changu hakitalikataa. Hata hivyo, maombi yangu daima ni kinyume cha watenda mabaya,
6 Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu; isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.
watawala wao watatupwa chini kutoka kwenye majabali, waovu watajifunza kwamba maneno yangu yalikuwa kweli.
7 Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana, lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu. (Sheol h7585)
Watasema, “Kama mtu anavyolima na kuvunja ardhi, ndivyo mifupa yetu imetawanywa kwenye mlango wa kaburi.” (Sheol h7585)
8 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu; ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.
Lakini nimekaza macho yangu kwako, Ee Bwana Mwenyezi, ndani yako nimekimbilia, usiniache nife.
9 Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa, kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.
Niepushe na mitego waliyonitegea, kutokana na mitego iliyotegwa na watenda mabaya.
10 Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman; ani garuu nagumaan nan baʼa.
Waovu na waanguke kwenye nyavu zao wenyewe, wakati mimi ninapita salama.

< Faarfannaa 141 >