< Faarfannaa 140 >
1 Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi; namoota finciltoota
Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Ee Bwana, niokoe, kutoka kwa watu waovu; nilinde na watu wenye jeuri,
2 warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
ambao hupanga mipango mibaya mioyoni mwao, na kuchochea vita siku zote.
3 Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu; hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
Wao hufanya ndimi zao kali kama za nyoka, sumu ya nyoka iko midomoni mwao.
4 Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi; namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
Ee Bwana, niepushe na mikono ya waovu; nilinde na watu wenye jeuri wanaopanga kunikwaza miguu yangu.
5 Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru; ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru; karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
Wenye kiburi wameficha mtego wa kuninasa, wametandaza kamba za wavu wao, wametega mitego kwenye njia yangu.
6 Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha. Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.
Ee Bwana, ninakuambia, “Wewe ni Mungu wangu.” Ee Bwana, usikie kilio changu na kunihurumia.
7 Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa, ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
Ee Bwana Mwenyezi, Mwokozi wangu mwenye nguvu, unikingaye kichwa changu siku ya vita:
8 Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin; akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
Ee Bwana, usiwape waovu matakwa yao, usiache mipango yao ikafanikiwa, wasije wakajisifu.
9 Mataan warra na marsanii, hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
Vichwa vya wanaonizunguka vifunikwe na shida zinazosababishwa na midomo yao.
10 Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu; isaan ibiddatti illee haa darbataman; akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
Makaa ya mawe ya moto na yawaangukie! Na watupwe motoni, katika mashimo ya matope, wasiinuke tena kamwe.
11 Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin; namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
Wasingiziaji wasifanikiwe katika nchi; maafa na yawawinde watu wenye jeuri.
12 Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
Najua kwamba Bwana huwapatia maskini haki, na kuitegemeza njia ya mhitaji.
13 Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata; namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.
Hakika wenye haki watalisifu jina lako, na waadilifu wataishi mbele zako.