< Faarfannaa 14 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
Mpumbavu husema moyoni mwake, “Hakuna Mungu.” Wamepotoka nakufanya uovu haramu; hakuna hata mmoja atendaye dhambi.
2 Waaqayyo yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
Yahwe anatazama chini kwa wanadamu kutoka mbinguni aone kama kuna yeyote anayeelewa, amtafutaye Mungu.
3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.
Wote wamegeukia njia nyingine. Kwa pamoja wamepotoka. Hakuna yeyote atendaye mema, hakuna, hata mmoja.
4 Warri hammina hojjetan kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
Je, hawajui lolote, wale wafanyao uovu, wale wanao kula watu wangu kama vile wanakula mkate, lakini hao hawamuiti Yahwe?
5 Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.
Wao wana tetemeka kwa hofu. Kwa kuwa Mungu yuko pamoja na kusanyiko la wenye haki!
6 Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.
Ninyi mnataka kumfedhehesha mtu maskini japo kuwa Yahwe ni kimbilio lake.
7 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!
Oh, kwamba wokovu wa Israeli ungetokea Sayuni! Wakati Yahwe akiwarudisha watu wake kutoka utumwani, ndipo Yakobo atashangilia na Israeli itakuwa na furaha!