< Faarfannaa 14 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
למנצח לדוד אמר נבל בלבו אין אלהים השחיתו התעיבו עלילה אין עשה טוב׃
2 Waaqayyo yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
יהוה משמים השקיף על בני אדם לראות היש משכיל דרש את אלהים׃
3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.
הכל סר יחדו נאלחו אין עשה טוב אין גם אחד׃
4 Warri hammina hojjetan kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
הלא ידעו כל פעלי און אכלי עמי אכלו לחם יהוה לא קראו׃
5 Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.
שם פחדו פחד כי אלהים בדור צדיק׃
6 Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.
עצת עני תבישו כי יהוה מחסהו׃
7 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!
מי יתן מציון ישועת ישראל בשוב יהוה שבות עמו יגל יעקב ישמח ישראל׃

< Faarfannaa 14 >