< Faarfannaa 139 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta; na beekteertas.
MAING, Ieowa, kom kotin kadiarokada lol i, ap kotin mangi ia.
2 Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta; yaada koos fagootti hubatta.
Kom pil kotin mangi ma i momod de uda, ap kotin mangi ai lamelam ni ar kotin doo sang ia.
3 Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta; karaa koo hundas beekta.
Ir me kotin kupura ia ni ai potopoto sili, o ni ai wonon, ap kotin mangi ai tiak kan karos.
4 Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre, ati guutumaan guutuutti ni beekta.
Melel Maing Ieowa, sota ai poto sang ni lo i, me kom sota kotin mangi.
5 Ati duraa fi duubaan na marsiteerta; harka kees narra keesseerta.
Kom kin kotin ieiang ia wasa karos, o kom kin kapado lim omui po i.
6 Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha; hubachuufis akka malee narraa fagoo dha.
Mepukat meid kapuriamui ong ia, meid apwal, i sota kak dedeki.
7 Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa? Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa?
Ia wasa, i pan kak ko sang mon ngen ar ia? O ia wasa, i pan kak piti sang silang ar ia?
8 Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta; yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta. (Sheol h7585)
Ma i piridala nanlang, kom kotikot wasa o, o ma i onop ong wendi nan wasan mela, kom pil kotikot ia. (Sheol h7585)
9 Yoo ani qoochoo ganamaatiin barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe,
Ma i ale pan pir en umpul en katipin, ap mimieta ni kailan madau,
10 achittis harki kee karaa na argisiisa; harki kee mirgaas jabeessee na qaba.
Lim ar pil pan kare ia wasa o, o lim ar maun pan kolekol ia.
11 Yoo ani, “Dhugumaan dukkanni na dhoksa; ifnis naannoo kootti halkan taʼa” jedhe,
Ma i pan inda: Rotorot en kadupwal ia di, pong ap pil pan marainla imp ai.
12 dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu; halkanis akkuma guyyaa ifa; dukkanni siif akkuma ifaatii.
Pwe rotorot so kin rotorot mo omui, o pong kin marain dueta nin ran, rotorot kin dueta marain.
13 Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Pwe kom me kotin wiadar mudilik i, o kom kotin wia ia da nan kaped en in ai.
14 Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.
I danke komui, duen kapuriamui en ai wiaui ia da, meid kapuriamui sapwilim ar dodok kan, ngen i pil dedeki melel mepukat.
15 Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, lafeen koo si duraa hin dhokanne. Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
Kokon ai kan me sansal ong komui ni ai wiauier wasa rir, ni ai wiauier wasa lol en sappa.
16 iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin, kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
Silang ir mangi ia ni ai saikenta wiauier, o ran karos me kokodo, ap saikenta mia, me kileledier nan sapwilim omui puk o.
17 Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata! Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!
Maing Kot, meid kasampwal ong ia duen meakan karos, me komui kin kupukupura!
18 Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee, silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata. Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.
Ma i pan wadok ir, i sota pan kak ong, pwe re me toto sang pik en oror, ni ai pirida, i kin mimieta re omui.
19 Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee! Warri dhiiga namaa dhangalaaftan, narraa fagaadhaa!
O Maing Kot, kom sota men kamela me doo sang Kot akan; o me kin inong iong nta, en muei sang ia!
20 Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu; diinonni kee akkasumaan maqaa kee dhaʼu.
Pwe re kin lokaia sued duen komui, o sapwilim omui imwintiti kan kin kangudi ni sokarepa.
21 Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu? Warra sitti kaʼanis hin xireeffadhuu?
I kin kailongki, Maing Ieowa, me kin kailongki komui, o i suedeki ar palian komui.
22 Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera; akka diina koottis isaan nan heda.
I kin kailong kin ir melel, re wialar ai imwintiti.
23 Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki; qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.
Maing Kot, kom kotin kasaui ia, o mangi duen mongiong i, kotin rapaki duen me i kin lamelame.
24 Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali; karaa bara baraa irras na adeemsisi.
O kom kotin masani, ma i mi pon al sued, o kotin kalua ia pon al soutuk.

< Faarfannaa 139 >