< Faarfannaa 139 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta; na beekteertas.
大衛的詩,交與伶長。 耶和華啊,你已經鑒察我,認識我。
2 Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta; yaada koos fagootti hubatta.
我坐下,我起來,你都曉得; 你從遠處知道我的意念。
3 Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta; karaa koo hundas beekta.
我行路,我躺臥,你都細察; 你也深知我一切所行的。
4 Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre, ati guutumaan guutuutti ni beekta.
耶和華啊,我舌頭上的話, 你沒有一句不知道的。
5 Ati duraa fi duubaan na marsiteerta; harka kees narra keesseerta.
你在我前後環繞我, 按手在我身上。
6 Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha; hubachuufis akka malee narraa fagoo dha.
這樣的知識奇妙,是我不能測的, 至高,是我不能及的。
7 Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa? Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa?
我往哪裏去躲避你的靈? 我往哪裏逃、躲避你的面?
8 Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta; yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta. (Sheol h7585)
我若升到天上,你在那裏; 我若在陰間下榻,你也在那裏。 (Sheol h7585)
9 Yoo ani qoochoo ganamaatiin barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe,
我若展開清晨的翅膀, 飛到海極居住,
10 achittis harki kee karaa na argisiisa; harki kee mirgaas jabeessee na qaba.
就是在那裏,你的手必引導我; 你的右手也必扶持我。
11 Yoo ani, “Dhugumaan dukkanni na dhoksa; ifnis naannoo kootti halkan taʼa” jedhe,
我若說:黑暗必定遮蔽我, 我周圍的亮光必成為黑夜;
12 dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu; halkanis akkuma guyyaa ifa; dukkanni siif akkuma ifaatii.
黑暗也不能遮蔽我,使你不見, 黑夜卻如白晝發亮。 黑暗和光明,在你看都是一樣。
13 Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
我的肺腑是你所造的; 我在母腹中,你已覆庇我。
14 Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.
我要稱謝你,因我受造,奇妙可畏; 你的作為奇妙,這是我心深知道的。
15 Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, lafeen koo si duraa hin dhokanne. Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
我在暗中受造,在地的深處被聯絡; 那時,我的形體並不向你隱藏。
16 iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin, kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
我未成形的體質,你的眼早已看見了; 你所定的日子,我尚未度一日, 你都寫在你的冊上了。
17 Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata! Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!
上帝啊,你的意念向我何等寶貴! 其數何等眾多!
18 Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee, silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata. Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.
我若數點,比海沙更多; 我睡醒的時候,仍和你同在。
19 Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee! Warri dhiiga namaa dhangalaaftan, narraa fagaadhaa!
上帝啊,你必要殺戮惡人; 所以,你們好流人血的,離開我去吧!
20 Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu; diinonni kee akkasumaan maqaa kee dhaʼu.
因為他們說惡言頂撞你; 你的仇敵也妄稱你的名。
21 Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu? Warra sitti kaʼanis hin xireeffadhuu?
耶和華啊,恨惡你的,我豈不恨惡他們嗎? 攻擊你的,我豈不憎嫌他們嗎?
22 Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera; akka diina koottis isaan nan heda.
我切切地恨惡他們, 以他們為仇敵。
23 Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki; qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.
上帝啊,求你鑒察我,知道我的心思, 試煉我,知道我的意念,
24 Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali; karaa bara baraa irras na adeemsisi.
看在我裏面有甚麼惡行沒有, 引導我走永生的道路。

< Faarfannaa 139 >