< Faarfannaa 137 >
1 Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti, lageen Baabilon bira teenyee boonye.
By the rivers of Babylon, there we sat down, yea, we wept when we remembered Zion.
2 Achittis kiraara keenya muka alaltuutti fannifne;
Upon the willows in the midst of it we hung up our harps.
3 achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis, “Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!” jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.
For there those who led us captive required of us songs, and those who wasted us, mirth, saying, Sing for us one of the songs of Zion.
4 Nu utuu biyya ormaa jirruu, akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya?
How shall we sing Jehovah's song in a foreign land?
5 Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe, harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.
If I forget thee, O Jerusalem, let my right hand forget.
6 Yoo ani si yaadachuu baadhe, yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti Yerusaalemin ilaaluu baadhe, arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
Let my tongue cling to the roof of my mouth, if I do not remember thee, if I do not prefer Jerusalem above my chief joy.
7 Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu; isaanis, “Ishee diigaa! Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.
Remember, O Jehovah, the day of Jerusalem against the sons of Edom, who said, Raze it, raze it, even to the foundation thereof.
8 Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte, inni waan ati nu goote sanaaf, gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.
O daughter of Babylon, who is to be destroyed, happy shall he be who rewards thee as thou have served us.
9 Inni daaʼimman kee qabee dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.
Happy shall he be who takes and dashes thy little ones against the rock.