< Faarfannaa 135 >

1 Haalleluuyaa. Maqaa Waaqayyoo jajadhaa; isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa.
הללו יה הללו את שם יהוה הללו עבדי יהוה׃
2 Isin warri mana Waaqayyoo keessa, oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.
שעמדים בבית יהוה בחצרות בית אלהינו׃
3 Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa; inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.
הללו יה כי טוב יהוה זמרו לשמו כי נעים׃
4 Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif, Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.
כי יעקב בחר לו יה ישראל לסגלתו׃
5 Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe, akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.
כי אני ידעתי כי גדול יהוה ואדנינו מכל אלהים׃
6 Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti, galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
כל אשר חפץ יהוה עשה בשמים ובארץ בימים וכל תהומות׃
7 Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha; bokkaa wajjin balaqqee erga; gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.
מעלה נשאים מקצה הארץ ברקים למטר עשה מוצא רוח מאוצרותיו׃
8 Inni hangafoota Gibxi, kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.
שהכה בכורי מצרים מאדם עד בהמה׃
9 Yaa Gibxi, inni gidduu keetti, Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.
שלח אתות ומפתים בתוככי מצרים בפרעה ובכל עבדיו׃
10 Inni saboota baayʼee dhaʼee mootota jajjaboo ajjeese;
שהכה גוים רבים והרג מלכים עצומים׃
11 Sihoon mootii warra Amoorotaa, Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;
לסיחון מלך האמרי ולעוג מלך הבשן ולכל ממלכות כנען׃
12 lafa isaanii dhaala godhee akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.
ונתן ארצם נחלה נחלה לישראל עמו׃
13 Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata; yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.
יהוה שמך לעולם יהוה זכרך לדר ודר׃
14 Waaqayyo saba isaatiif ni falma; tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
כי ידין יהוה עמו ועל עבדיו יתנחם׃
15 Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
עצבי הגוים כסף וזהב מעשה ידי אדם׃
16 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
פה להם ולא ידברו עינים להם ולא יראו׃
17 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.
אזנים להם ולא יאזינו אף אין יש רוח בפיהם׃
18 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
כמוהם יהיו עשיהם כל אשר בטח בהם׃
19 Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa; yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa;
בית ישראל ברכו את יהוה בית אהרן ברכו את יהוה׃
20 yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa; isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa.
בית הלוי ברכו את יהוה יראי יהוה ברכו את יהוה׃
21 Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun, Xiyoon irraa haa eebbifamu. Haalleluuyaa!
ברוך יהוה מציון שכן ירושלם הללו יה׃

< Faarfannaa 135 >