< Faarfannaa 135 >

1 Haalleluuyaa. Maqaa Waaqayyoo jajadhaa; isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa.
Beni SENYÈ a! Beni non SENYÈ a! Beni Li, O sèvitè a SENYÈ yo,
2 Isin warri mana Waaqayyoo keessa, oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.
nou menm ki kanpe lakay SENYÈ a, nan lakou lakay SENYÈ nou an!
3 Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa; inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.
Beni SENYÈ a, paske SENYÈ a bon. Chante lwanj a non Li, paske sa bèl.
4 Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif, Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.
Paske SENYÈ a te chwazi Jacob pou Li menm, Israël pou pwòp posesyon pa Li.
5 Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe, akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.
Paske mwen konnen ke SENYÈ a gran, e ke SENYÈ nou an pi wo ke tout dye yo.
6 Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti, galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
Nenpòt sa ke SENYÈ a vle, Li fè l, nan syèl la oswa sou tè a, nan lanmè yo ak nan tout fon yo.
7 Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha; bokkaa wajjin balaqqee erga; gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.
Li fè vapè monte soti nan tout pwent tè yo. Ki fè rive loray avèk lapli yo, ki fè van vin parèt sòti nan trezò Li yo.
8 Inni hangafoota Gibxi, kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.
Li te frape premye ne Égypte yo, ni lòm, ni bèt.
9 Yaa Gibxi, inni gidduu keetti, Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.
Li te voye sign ak mèvèy nan mitan nou, O Égypte, sou Farawon avèk tout sèvitè Li yo.
10 Inni saboota baayʼee dhaʼee mootota jajjaboo ajjeese;
Li te frape anpil nasyon, e te detwi wa pwisan yo,
11 Sihoon mootii warra Amoorotaa, Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;
Sihon, wa Amoreyen yo, Og, wa Basan ak tout wayòm a Canaan yo.
12 lafa isaanii dhaala godhee akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.
Epi Li te bay yo peyi yo kon eritaj, yon eritaj a Israël, pèp Li a.
13 Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata; yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.
Non Ou, O SENYÈ, dire jis pou tout tan, Memwa Ou, O SENYÈ, pou tout jenerasyon yo.
14 Waaqayyo saba isaatiif ni falma; tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
Paske SENYÈ a va jije pèp Li a, e va gen konpasyon pou sèvitè Li yo.
15 Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
Zidòl a nasyon yo pa anyen sof ke ajan ak lò, zèv a men a lòm.
16 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
Yo gen bouch, men yo pa pale. Yo gen zye, men yo pa wè.
17 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.
Yo gen zòrèy, men yo pa tande, ni nanpwen souf nan bouch yo.
18 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
(Sila) ki fè yo va vin tankou yo. Wi, tout (sila) ki mete konfyans nan yo.
19 Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa; yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa;
O lakay Israël, beni SENYÈ a! O lakay Aaron, Beni SENYÈ a!
20 yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa; isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa.
O lakay Lévi, beni SENYÈ a! Nou menm ki gen lakrent SENYÈ a, beni SENYÈ a!
21 Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun, Xiyoon irraa haa eebbifamu. Haalleluuyaa!
Ke SENYÈ a beni soti nan Sion, (Sila) ki abite Jérusalem nan, Beni SENYÈ a!

< Faarfannaa 135 >