< Faarfannaa 134 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo, warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu, Waaqayyoon galateeffadhaa.
A song of ascents. Come, bless the LORD, all you servants of the LORD who serve by night in the house of the LORD!
2 Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii Waaqayyoon galateeffadhaa.
Lift up your hands to the sanctuary and bless the LORD!
3 Waaqayyo samii fi lafa uume sun Xiyoon irraa isin haa eebbisu.
May the LORD, the Maker of heaven and earth, bless you from Zion.

< Faarfannaa 134 >