< Faarfannaa 132 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
שיר המעלות זכור יהוה לדוד את כל ענותו׃
2 Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
אשר נשבע ליהוה נדר לאביר יעקב׃
3 “Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu.
אם אבא באהל ביתי אם אעלה על ערש יצועי׃
4 Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
אם אתן שנת לעיני לעפעפי תנומה׃
5 kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
עד אמצא מקום ליהוה משכנות לאביר יעקב׃
6 Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne:
הנה שמענוה באפרתה מצאנוה בשדי יער׃
7 “Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
נבואה למשכנותיו נשתחוה להדם רגליו׃
8 ‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
קומה יהוה למנוחתך אתה וארון עזך׃
9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’”
כהניך ילבשו צדק וחסידיך ירננו׃
10 Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin.
בעבור דוד עבדך אל תשב פני משיחך׃
11 Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
נשבע יהוה לדוד אמת לא ישוב ממנה מפרי בטנך אשית לכסא לך׃
12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”
אם ישמרו בניך בריתי ועדתי זו אלמדם גם בניהם עדי עד ישבו לכסא לך׃
13 Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
כי בחר יהוה בציון אוה למושב לו׃
14 “Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
זאת מנוחתי עדי עד פה אשב כי אותיה׃
15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
צידה ברך אברך אביוניה אשביע לחם׃
16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
וכהניה אלביש ישע וחסידיה רנן ירננו׃
17 “Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
שם אצמיח קרן לדוד ערכתי נר למשיחי׃
18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”
אויביו אלביש בשת ועליו יציץ נזרו׃

< Faarfannaa 132 >