< Faarfannaa 132 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
Waƙar haurawa. Ya Ubangiji, ka tuna da Dawuda da kuma dukan irin wuyan da ya jimre.
2 Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
Ya yi rantsuwa ga Ubangiji ya kuma yi alkawari ga Maɗaukaki na Yaƙub cewa,
3 “Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu.
“Ba zan shiga gidana ko in kwanta a gado ba,
4 Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
ba zan ba wa idanuna barci ba, ba gyangyaɗi wa idanuna,
5 kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
sai na sami wuri wa Ubangiji, mazauni domin Maɗaukaki na Yaƙub.”
6 Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne:
Mun ji haka a Efrata, muka yi ƙaro da shi a filayen Ya’ar,
7 “Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
“Bari mu tafi wurin zamansa; bari mu yi sujada a wurin sa ƙafafunsa,
8 ‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
ka tashi, ya Ubangiji, ka kuma zo wurin hutunka, kai da akwatin alkawarin ƙarfinka.
9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’”
Bari a suturta firistocinka da adalci; bari tsarkakanka su rera don farin ciki.”
10 Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin.
Saboda Dawuda bawanka, kada ka ƙi shafaffenka.
11 Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
Ubangiji ya rantse wa Dawuda tabbataccen rantsuwa cewa ba zai janye ba cewa, “Ɗaya daga cikin zuriyarka zan sa a kan kursiyinka,
12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”
in’ya’yanka maza za su kiyaye alkawari da farillan da na koya musu, to’ya’yansu maza za su zauna a kan kursiyinka har abada abadin.”
13 Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
Gama Ubangiji ya zaɓi Sihiyona, ya so ta zama mazauninsa,
14 “Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
“Wannan shi ne wurin hutuna har abada abadin; a nan zan zauna ina mulki gama ina son ta,
15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
zan albarkace ta da tanade-tanade masu yawa; matalautanta za su ƙoshi da abinci.
16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
Zan suturta firistocinta da ceto, tsarkakanta kuma kullum za su rera don farin ciki.
17 “Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
“A nan zan sa ƙaho ya yi girma wa Dawuda in kuma kafa fitila saboda shafaffena.
18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”
Zan suturta abokan gābansa da kunya, amma rawanin da yake a kansa zai yi ta walƙiya.”

< Faarfannaa 132 >