< Faarfannaa 131 >
1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju; iji koos of hin tuulu; ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.
Lord, my heart is not exalted: nor are my eyes lofty. Neither have I walked in great matters, nor in wonderful things above me.
2 Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.
If I was not humbly minded, but exalted my soul: As a child that is weaned is towards his mother, so reward in my soul.
3 Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, Waaqayyoon abdadhu.
Let Israel hope in the Lord, from henceforth now and for ever.