< Faarfannaa 130 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;
(성전에 올라가는 노래) 여호와여, 내가 깊은 데서 주께 부르짖었나이다
2 yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kees sagalee waammata koo xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
주여, 내 소리를 들으시며 나의 간구하는 소리에 귀를 기울이소서
3 Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
여호와여, 주께서 죄악을 감찰하실진대 주여, 누가 서리이까
4 Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta.
그러나 사유하심이 주께 있음은 주를 경외케 하심이니이다
5 Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha.
나 곧 내 영혼이 여호와를 기다리며 내가 그 말씀을 바라는도다
6 Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
파숫군이 아침을 기다림보다 내 영혼이 주를 더 기다리나니 참으로 파숫군의 아침을 기다림보다 더하도다
7 Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu; Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii.
이스라엘아 여호와를 바랄지어다! 여호와께는 인자하심과 풍성한 구속이 있음이라
8 Inni mataan isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.
저가 이스라엘을 그 모든 죄악에서 구속하시리로다

< Faarfannaa 130 >