< Faarfannaa 130 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;
Waƙar haurawa. Daga cikin zurfafa na yi kuka gare ka, ya Ubangiji;
2 yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kees sagalee waammata koo xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
Ya Ubangiji, ka ji muryata. Bari kunnuwanka su saurara ga kukata ta neman jinƙai.
3 Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
In kai, ya Ubangiji, za ka lissafta zunubai, Ya Ubangiji, wa zai tsaya?
4 Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta.
Amma tare da kai akwai gafartawa, saboda haka ake tsoronka.
5 Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha.
Zan jira Ubangiji, raina zai jira, kuma a cikin maganarsa na sa zuciyata.
6 Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
Raina na jiran Ubangiji fiye da yadda mai tsaro yakan jira safiya, fiye da yadda mai tsaro yakan jira safiya.
7 Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu; Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii.
Ya Isra’ila, sa zuciya ga Ubangiji, gama tare da Ubangiji akwai ƙauna marar ƙarewa kuma tare da shi akwai cikakkiyar fansa.
8 Inni mataan isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.
Shi kansa zai fanshi Isra’ila daga dukan zunubansu.

< Faarfannaa 130 >