< Faarfannaa 13 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa? Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
برای رهبر سرایندگان. مزمور داوود. ای خداوند، تا به کی مرا فراموش می‌کنی؟ تا به کی روی خود را از من برمی‌گردانی؟
2 Ani hamma yoomiittin rakkina obsee guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda? Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
تا به کی افکارم مرا آزار دهند و هر روز دلم از غم پر شود؟ تا به کی دشمن بر من پیروز باشد؟
3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni. Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
ای یهوه خدای من، بر من نظر کن و دعای مرا اجابت فرما. نگذار نور زندگی‌ام خاموش شود. نگذار به خواب مرگ فرو روم
4 diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha; amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
و دشمن از شکست من شاد شده، بگوید: «بر او پیروز شدم.»
5 Ani garuu araara kee nan amanadha; garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
من به محبت تو اعتماد دارم و دلم از نجات تو شاد می‌شود.
6 Ani Waaqayyoof nan faarfadha; arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.
در وصف تو ای خداوند خواهم سرایید زیرا به من خوبی کرده‌ای.

< Faarfannaa 13 >