< Faarfannaa 129 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
שיר המעלות רבת צררוני מנעורי יאמר נא ישראל׃
2 isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne.
רבת צררוני מנעורי גם לא יכלו לי׃
3 Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan.
על גבי חרשו חרשים האריכו למענותם׃
4 Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
יהוה צדיק קצץ עבות רשעים׃
5 Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.
יבשו ויסגו אחור כל שנאי ציון׃
6 Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;
יהיו כחציר גגות שקדמת שלף יבש׃
7 namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.
שלא מלא כפו קוצר וחצנו מעמר׃
8 Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.
ולא אמרו העברים ברכת יהוה אליכם ברכנו אתכם בשם יהוה׃

< Faarfannaa 129 >