< Faarfannaa 128 >

1 Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
Wimbo wa kwenda juu. Heri ni wale wote wamchao Bwana, waendao katika njia zake.
2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
Utakula matunda ya kazi yako; baraka na mafanikio vitakuwa vyako.
3 Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
Mke wako atakuwa kama mzabibu uzaao ndani ya nyumba yako; wana wako watakuwa kama machipukizi ya mizeituni kuizunguka meza yako.
4 Namni Waaqayyoon sodaatu akkasitti eebbifama.
Hivyo ndivyo atakavyobarikiwa mtu amchaye Bwana.
5 Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
Bwana na akubariki kutoka Sayuni siku zote za maisha yako, na uone mafanikio ya Yerusalemu,
6 ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
nawe ujaliwe kuishi uone watoto wa watoto wako. Amani iwe juu ya Israeli.

< Faarfannaa 128 >