< Faarfannaa 128 >

1 Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
A song of ascents. Blessed are all who fear the LORD, who walk in His ways!
2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
For when you eat the fruit of your labor, blessings and prosperity will be yours.
3 Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
Your wife will be like a fruitful vine flourishing within your house, your sons like olive shoots sitting around your table.
4 Namni Waaqayyoon sodaatu akkasitti eebbifama.
In this way indeed shall blessing come to the man who fears the LORD.
5 Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
May the LORD bless you from Zion, that you may see the prosperity of Jerusalem all the days of your life,
6 ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
that you may see your children’s children. Peace be upon Israel!

< Faarfannaa 128 >