< Faarfannaa 126 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, nu akka warra abjuu abjootanii taane. 2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo faarfannaa gammachuutiin guutame. Kana irratti saboota gidduutti, “Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame. 3 Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe; nus ni gammanne. 4 Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb, boojuu keenya nuu deebisi. 5 Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu. 6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.

< Faarfannaa 126 >