< Faarfannaa 126 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, nu akka warra abjuu abjootanii taane.
Waƙar haurawa. Sa’ad da Ubangiji ya dawo da kamammu zuwa Sihiyona, mun kasance kamar mutanen da suka yi mafarki.
2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo faarfannaa gammachuutiin guutame. Kana irratti saboota gidduutti, “Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
Bakunanmu sun cika da dariya, harsunanmu da waƙoƙin farin ciki. Sai ana faɗi a cikin al’ummai, “Ubangiji ya aikata manyan abubuwa dominsu.”
3 Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe; nus ni gammanne.
Ubangiji ya aikata manyan abubuwa dominmu, mun kuwa cika da farin ciki.
4 Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb, boojuu keenya nuu deebisi.
Ka maido da wadatarmu, ya Ubangiji kamar rafuffuka a Negeb.
5 Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
Waɗanda suka yi shuka da hawaye za su yi girbi da waƙoƙin farin ciki.
6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.
Shi da ya fita yana kuka, riƙe da iri don shuki, zai dawo da waƙoƙin farin ciki, ɗauke da dammuna.

< Faarfannaa 126 >