< Faarfannaa 124 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
IJRAEL en inda: Ma Ieowa jota pan kotin ieian kit.
2 utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
Ma Ieowa jota pan kotin ieian kit, ni en aramaj akan ni palian kit.
3 yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
Re pan katala kit ala ni at memaur, ni ar linaranar kin kit.
4 lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
Pil akan ap pan kamop kit ala, pilap akan kadupwaledi nen it.
5 bishaan hamaan nu fudhatee bada ture.
Pil akan itida melel lao kadupwaledi nen it.
6 Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
Kapin on Ieowa, me jota mueid on, ni arail en ter kit pajan!
7 Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane.
Nen it piti jan injar en jaun injar dueta manpir amen; injar ola, a kit pitila.
8 Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.
Jauaj pat iei mar en Ieowa, me kotin kapikadar lan o jappa.

< Faarfannaa 124 >