< Faarfannaa 124 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
שִׁ֥יר הַֽמַּעֲלֹ֗ות לְדָ֫וִ֥ד לוּלֵ֣י יְ֭הוָה שֶׁהָ֣יָה לָ֑נוּ יֹֽאמַר־נָ֝א יִשְׂרָאֵֽל׃
2 utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
לוּלֵ֣י יְ֭הוָה שֶׁהָ֣יָה לָ֑נוּ בְּק֖וּם עָלֵ֣ינוּ אָדָֽם׃
3 yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
אֲ֭זַי חַיִּ֣ים בְּלָע֑וּנוּ בַּחֲרֹ֖ות אַפָּ֣ם בָּֽנוּ׃
4 lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
אֲ֭זַי הַמַּ֣יִם שְׁטָפ֑וּנוּ נַ֝֗חְלָה עָבַ֥ר עַל־נַפְשֵֽׁנוּ׃
5 bishaan hamaan nu fudhatee bada ture.
אֲ֭זַי עָבַ֣ר עַל־נַפְשֵׁ֑נוּ הַ֝מַּ֗יִם הַזֵּֽידֹונִֽים׃
6 Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
בָּר֥וּךְ יְהוָ֑ה שֶׁלֹּ֥א נְתָנָ֥נוּ טֶ֝֗רֶף לְשִׁנֵּיהֶֽם׃
7 Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane.
נַפְשֵׁ֗נוּ כְּצִפֹּ֥ור נִמְלְטָה֮ מִפַּ֪ח יֹ֫וקְשִׁ֥ים הַפַּ֥ח נִשְׁבָּ֗ר וַאֲנַ֥חְנוּ נִמְלָֽטְנוּ׃
8 Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.
עֶ֭זְרֵנוּ בְּשֵׁ֣ם יְהוָ֑ה עֹ֝שֵׂ֗ה שָׁמַ֥יִם וָאָֽרֶץ׃

< Faarfannaa 124 >