< Faarfannaa 123 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa isa teessoon kee samii irra jiru, ani ija koo gara keetti ol nan qabadha. 2 Akkuma iji garbootaa harka gooftaa isaanii, iji garbittii immoo harka giiftii ishee ilaalu sana, hamma inni araara nuu buusutti, iji keenyas gara Waaqayyo Waaqa keenyaa ni ilaala. 3 Nuu araarami; yaa Waaqayyo, nuu araarami; tuffatamuun nutti baayʼateeraatii. 4 Arrabni warra of jajaniitii fi tuffiin warra of tuulanii nutti baayʼateera.

< Faarfannaa 123 >