< Faarfannaa 122 >

1 Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yommuu isaan, “Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa” naan jedhanitti, ani nan gammade.
He waiata; he pikitanga. Na Rawiri. I koa ahau i ta ratou meatanga mai ki ahau; Tatou ka haere ki te whare o Ihowa.
2 Yaa Yerusaalem, miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.
E tu ana o matou waewae ki ou tatau, e Hiruharama:
3 Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee gobbatte tokkootti ijaaramte.
Ko te hanganga o Hiruharama, rite tonu ki to te pa kua tuhonohonoa ki a ia ano.
4 Kunis iddoo gosoonni, gosoonni Waaqayyo, akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti, maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.
Haereere ana ki reira nga iwi, nga iwi o Ihowa, ki to Iharaira whakaaturanga, ki te whakawhetai ki te ingoa o Ihowa.
5 Teessoowwan murtii, teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu.
Kua whakaturia hoki ki reira nga torona whakawa, nga torona o te whare o Rawiri.
6 Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa: “Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.
Inoia he ata noho mo Hiruharama: ka whiwhi ki te pai te hunga e aroha ana ki a koe.
7 Dallaa kee keessa nagaan, masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”
Kia mau te rongo ki ou taiepa, me te pai ki ou whare kingi.
8 Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee, “Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
He mea mo oku teina, mo oku hoa, taku e mea nei, Kia mau te rongo ki roto ki a koe.
9 Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee, ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.
He whakaaro ki te whare o Ihowa, o to tatou Atua, ka rapu ahau i te pai mou.

< Faarfannaa 122 >