< Faarfannaa 122 >

1 Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yommuu isaan, “Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa” naan jedhanitti, ani nan gammade.
שיר המעלות לדוד שמחתי באמרים לי-- בית יהוה נלך
2 Yaa Yerusaalem, miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.
עמדות היו רגלינו-- בשעריך ירושלם
3 Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee gobbatte tokkootti ijaaramte.
ירושלם הבנויה-- כעיר שחברה-לה יחדו
4 Kunis iddoo gosoonni, gosoonni Waaqayyo, akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti, maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.
ששם עלו שבטים שבטי-יה--עדות לישראל להדות לשם יהוה
5 Teessoowwan murtii, teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu.
כי שמה ישבו כסאות למשפט כסאות לבית דוד
6 Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa: “Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.
שאלו שלום ירושלם ישליו אהביך
7 Dallaa kee keessa nagaan, masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”
יהי-שלום בחילך שלוה בארמנותיך
8 Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee, “Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
למען אחי ורעי-- אדברה-נא שלום בך
9 Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee, ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.
למען בית-יהוה אלהינו-- אבקשה טוב לך

< Faarfannaa 122 >