< Faarfannaa 121 >

1 Faarfannaa Ol baʼuu. Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa?
A Song of degrees. I will lift up mine eyes unto the hills, from whence cometh my help.
2 Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa.
My help [cometh] from the LORD, which made heaven and earth.
3 Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu;
He will not suffer thy foot to be moved: he that keepeth thee will not slumber.
4 dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus.
Behold, he that keepeth Israel shall neither slumber nor sleep.
5 Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
The LORD [is] thy keeper: the LORD [is] thy shade upon thy right hand.
6 guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu.
The sun shall not smite thee by day, nor the moon by night.
7 Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega;
The LORD shall preserve thee from all evil: he shall preserve thy soul.
8 Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
The LORD shall preserve thy going out and thy coming in from this time forth, and even for evermore.

< Faarfannaa 121 >