< Faarfannaa 120 >
1 Faarfannaa Ol baʼuu. Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; innis deebii naa kenna.
Wimbo wa kwenda juu. Katika dhiki yangu namwita Bwana, naye hunijibu.
2 Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
Ee Bwana, uniokoe kutoka midomo ya uongo na ndimi za udanganyifu.
3 Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? Kana caalaas maal godhamta?
Atakufanyia nini, au akufanyie nini zaidi, ewe ulimi mdanganyifu?
4 Inni xiyya loltootaa kan qarameen, barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.
Atakuadhibu kwa mishale mikali ya shujaa, kwa makaa yanayowaka ya mti wa mretemu.
5 Ani waanan Meshek keessa taaʼee dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!
Ole wangu kwa kuwa naishi Mesheki, kwamba naishi katikati ya hema za Kedari!
6 Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa jiraadheera.
Nimeishi muda mrefu mno miongoni mwa wale wanaochukia amani.
7 Ani nama nagaa barbaadu dha; isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.
Mimi ni mtu wa amani; lakini ninaposema, wao wanataka vita.