< Faarfannaa 120 >

1 Faarfannaa Ol baʼuu. Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; innis deebii naa kenna.
(성전으로 올라가는 노래) 내가 환난 중에 여호와께 부르짖었더니 내게 응답하셨도다
2 Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
여호와여, 거짓된 입술과 궤사한 혀에서 내 생명을 건지소서
3 Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? Kana caalaas maal godhamta?
너 궤사한 혀여, 무엇으로 네게 주며 무엇으로 네게 더할꼬
4 Inni xiyya loltootaa kan qarameen, barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.
장사의 날카로운 살과 로뎀나무 숯불이리로다
5 Ani waanan Meshek keessa taaʼee dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!
메섹에 유하며 게달의 장막 중에 거하는 것이 내게 화로다
6 Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa jiraadheera.
내가 화평을 미워하는 자와 함께 오래 거하였도다
7 Ani nama nagaa barbaadu dha; isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.
나는 화평을 원할지라도 내가 말할 때에 저희는 싸우려 하는도다

< Faarfannaa 120 >