< Faarfannaa 12 >

1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.
למנצח על השמינית מזמור לדוד הושיעה יהוה כי גמר חסיד כי פסו אמונים מבני אדם׃
2 Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.
שוא ידברו איש את רעהו שפת חלקות בלב ולב ידברו׃
3 Waaqayyo afaan nama saadu hunda, arraba of tuulu hundas haa kukkutu;
יכרת יהוה כל שפתי חלקות לשון מדברת גדלות׃
4 isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; hidhiin keenyas keenyuma; eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.
אשר אמרו ללשננו נגביר שפתינו אתנו מי אדון לנו׃
5 Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.
משד עניים מאנקת אביונים עתה אקום יאמר יהוה אשית בישע יפיח לו׃
6 Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti.
אמרות יהוה אמרות טהרות כסף צרוף בעליל לארץ מזקק שבעתים׃
7 Yaa Waaqayyo ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
אתה יהוה תשמרם תצרנו מן הדור זו לעולם׃
8 Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.
סביב רשעים יתהלכון כרם זלות לבני אדם׃

< Faarfannaa 12 >