< Faarfannaa 119 >

1 Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha.
Wamebarikiwa wale ambao njia zao hazina lawama, waenendao katika sheria ya Yahwe.
2 Warri ajajawwan isaa eegan, kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
Wamebarikiwa wale wazishikao amri zake thabiti, wamtafutao kwa moyo wao wote.
3 Isaan balleessaa hin hojjetan; karaa isaa irras ni deemu.
Hawatendi makosa; wanaenenda katika njia zake.
4 Akka Seerri kee amanamummaadhaan eegamuuf ati ajajjeerta.
Wewe umetuamuru kuyashika maagizo yako ili tuyachunguze kwa umakini.
5 Akka ani ajaja kee eeguuf utuu karaan koo naa qajeelee jiraatee!
Oh, ningependa njia zangu ziwe thabiti nizitii amri zako!
6 Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee silaa hin qaanaʼun ture.
Ndipo sitaaibika nizifikiripo amri zako zote.
7 Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti, garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
Nitakushukuru wewe kwa unyofu wangu wa moyo nijifunzapo amri za haki yako.
8 Ani sirna keetiif nan bula; ati gonkumaa na hin dhiisin.
Nitazitii amri zako; usiniache peke yangu. BETH.
9 Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
Ni jinsi gani kijana aweza kuendelea kuishi katika njia yake ya utakatifu? Ni kwa kulitii neno lako.
10 Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada; akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
Kwa moyo wangu wote ninakutafuta wewe; Usiniache nipotee mbali na maagizo yako.
11 Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
Moyoni mwangu nimeliweka neno lako ili nisije nikakutenda dhambi.
12 Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu; sirna kee na barsiisi.
Umetukuka, Yahwe; unifundishe amri zako.
13 Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa, afaan kootiin nan dubbadha.
Kwa kinywa changu nimetangaza amri ya haki yako yote ambayo umeifunua.
14 Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.
Ninafurahi katika njia ya amri za agano lako zaidi kuliko katika utajiri.
15 Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
Nitayatafakari maagizo yako na kuzitilia maanani njia zako.
16 Ani sirna keetti nan gammada; dubbii kees hin dagadhu.
Ninafurahia katika amri zako; sitalisahau neno lako. GIMEL.
17 Akka ani jiraadhuu fi dubbii kee eeguuf, garbicha keetiif waan gaarii godhi.
Uwe mwema kwa mtumishi wako ili niweze kuishi na kulishika neno lako.
18 Akka ani seera kee keessatti waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.
Ufungue macho yangu ili niweze kuona mambo ya ajabu katika sheria yako.
19 Ani lafa irratti keessummaa dha; ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.
Mimi ni mgeni katika nchi; usizifiche amri zako mbali nami.
20 Lubbuun koo yeroo hunda seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti.
Moyo wangu unauma kwa kutamani sana kuzijua amri zako za haki wakati wote.
21 Ati of tuultota warra abaaramoo, kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta.
Wewe huwakemea wenye kiburi, waliolaaniwa, wanao tanga-tanga mbali na amri zako.
22 Waan ani seera kee eeguuf, arrabsoo fi tuffii isaanii narraa fageessi.
Uniokoe dhidi ya aibu na udhalilishaji, maana nimezitii amri za agano lako.
23 Bulchitoonni walii wajjin taaʼanii yoo maqaa na balleessan iyyuu, tajaajilaan kee irra deddeebiʼee labsii kee ni yaada.
Ingawa watawala wanapanga njama na kunikashfu, mtumishi wako huzitafakali amri zako.
24 Ajajni kee gammachuu koo ti; gorsituu kootis.
Amri za agano lako ni furaha yangu, na washauri wangu. DALETH.
25 Lubbuun koo biyyootti maxxante; ati akkuma dubbii keetiitti na oolchi.
Uhai wangu unashikamana na mavumbi! nipe uhai kwa neno lako.
26 Yeroo ani waaʼee karaa koo sitti himetti, ati deebii naa kennite; sirna kees na barsiisi.
Nilikuambia mapito yangu, na ulinijibu; nifundishe sheria zako.
27 Barsiisa seera keetii na hubachiisi; anis irra deddeebiʼee dinqii kee nan yaada.
Unifahamishe njia ya maagizo yako, ili niweze kutafakari juu ya mafundisho yako ya ajabu.
28 Lubbuun koo gaddaan laafteerti; ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi.
Nimelemewa na huzuni! Nitie nguvu kwa neno lako.
29 Karaa sobaa irraa na fageessi; arjumaadhaanis seera kee na barsiisi.
Uiondoe kwangu njia ya udanganyifu; kwa wema wako unifundishe sheria yako.
30 Ani karaa dhugaa filadheera; seera kees of dura kaaʼadheera.
Nimechagua njia ya uaminifu; siku zote nimeweka amri za haki yako mbele yangu.
31 Yaa Waaqayyo, ani ajaja kee jabeessee qabadheera; ati na hin qaanessin.
Ninashikamana na amri za agano lako; Yahwe, usiniache niaibike.
32 Sababii ati hubannaa koo naa balʼifteef ani daandii ajajawwan keetii irra nan fiiga.
Nitakimbia katika njia ya amri zako, kwa sababu wausukuma moyo wangu kufanya hivyo. HE
33 Yaa Waaqayyo, akka ani sirna kee duukaa buʼu na barsiisi; anis hamma dhumaatti isa nan eega.
Unifundishe, Yahwe, njia za sheria yako, nami nitazishika hadi mwisho.
34 Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni.
Unipe uelewa, nami nitazishika sheria zako; nitazitii kwa moyo wangu wote.
35 Daandii ajajawwan keetii irra na deemsisi; anis achitti gammachuu nan argadhaatii.
Uniongoze katika njia ya amri zako, maana ninafurahi kuenenda katika hizo.
36 Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin, gara sirna keetiitti naa deebisi.
Uelekeze moyo wangu kuzielekea amari za agano lako na uniweke mbali na matendo yasiyo haki tena.
37 Ija koo waan faayidaa hin qabne irraa deebisi; akkuma dubbii keetiittis na jiraachisi.
Uyageuze macho yangu dhidi ya kutazama mambo yasiyofaa; unihuishe katika njia zako.
38 Ati akka sodaatamtuuf, waadaa kee garbicha keetiif guuti.
Umtendee mtumishi wako ahadi ambayo uliifanya kwa wale wanaokuheshimu wewe.
39 Salphina ani sodaadhu narraa fageessi; seerri kee gaariidhaatii.
Uniondolee shutumu niiogopayo, maana hukumu zako za haki ni njema.
40 Kunoo, ani sirna kee nan hawwa; qajeelummaa keetiin na jiraachisi.
Tazama, nimeyatamani maagizo yako; unihuishe katika haki yako. VAV.
41 Yaa Waaqayyo, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun, fayyisuun kees akkuma dubbii keetiitti gara koo haa dhufu;
Ee Yahwe, unipe upendo wako usiokwisha na wokovu wako kulingana na ahadi yako;
42 yoos ani sababii dubbii kee amanadhuuf, warra na arrabsaniif deebii kenna.
ndipo nitakuwa na jibu kwa ajili ya yule anayenidhihaki.
43 Waan ani seera kee abdadheef, ati dubbii dhugaa afaan koo keessaa hin balleessin.
Usiliondoe neno la kweli mdomoni mwangu, maana nimesubiri kwa ajili ya amri zako za haki.
44 Bara baraa hamma bara baraatti, ani yeroo hunda seera kee nan eega.
Nitazitii sheria zako siku zote, milele na milele.
45 Ani ajaja kee waanan barbaaduuf, bilisummaadhaan nan deddeebiʼa.
Nitaenenda salama, maana ninayatafuta maagizo yako.
46 Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha; hin qaaneffamus;
Nitazinena amri zako thabiti mbele ya wafalme nami sitaaibika.
47 waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf, isaanitti nan gammada.
Ninafurahia katika amri zako, nizipendazo sana.
48 Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha; labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.
Nitaziinulia mikono yangu amri zako, nizipendazo; nitazitafakari sheria zako. ZAYIN.
49 Waadaa tajaajilaa keetiif seente sana yaadadhu; ati isumaan abdii naa kenniteertaatii.
Kumbuka ahadi yako kwa mtumishi wako kwa sababu umenipa tumaini.
50 Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: Waadaan kee na jiraachisa.
Hii ni faraja yangu katika mateso: kuwa ahadi yako imeniweka hai.
51 Of tuultonni akkuma barbaadanitti natti qoosu; ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.
Wenye kiburi wamenicheka, lakini sijaiacha sheria yako.
52 Yaa Waaqayyo, ani seera kee durii sana nan yaadadha; isa keessattis jajjabina nan argadha.
Nimezitafakari amri zako za haki tangu zamani, Yahwe, nami ninajifariji mwenyewe.
53 Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif, aariin na gugguba.
Hasira kali imenishikilia kwa sababu ya waovu wanaoikataa sheria yako.
54 Iddoo keessummummaa koo hundatti seerri kee faarfannaa koo ti.
Sheria zako zimekuwa nyimbo zangu katika nyumba ninayoishi kwa muda.
55 Yaa Waaqayyo, ani halkan keessa maqaa kee nan yaadadha; seera kees nan eega.
Ninalifikiria jina lako wakati wa usiku, Yahwe, na kuzishika sheria zako.
56 Waan ani ajaja kee eegeef, kun naaf taʼeera.
Hili limekuwa zoezi langu kwa sababu nimeyatii maagizo yako. HETH.
57 Yaa Waaqayyo, ati qooda koo ti; anis dubbii keetiif ajajamuuf waadaa galeera.
Yahwe ni sehemu yangu; nimeamua kuyatii maneno yake.
58 Ani garaa koo guutuun fuula kee barbaaddadheera; ati akkuma waadaa keetiitti naa araarami.
Kwa bidii ninaomba neema yako kwa moyo wangu wote; unihurumie, kama neno lako lilivyo ahidi.
59 Ani karaa koo itti deddeebiʼee yaadeera; tarkaanfii koo gara sirna keetiitti deebiseera.
Nilizichunguza njia zangu na kugeuzia miguu yangu kwenye amri za agano lako.
60 Ani ajajawwan kee eeguuf, nan ariifadha; hin barfadhus.
Naharakisha na sichelewi kuzishika amri zako.
61 Hamoonni yoo funyoodhaan na hidhan iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
Kamba za waovu zimenifunga; nami sijaisahau sheria yako.
62 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani si galateeffachuuf jedhee halkan walakkaa nan kaʼa.
Katikati ya usiku ninaamka kukushukuru wewe kwa sababu ya amri za haki yako.
63 Ani warra si sodaatan hundaaf, warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha.
Ninaurafiki na wale wanao kuabudu wewe, wale wote watiio maagizo yako.
64 Yaa Waaqayyo, lafti jaalala keetiin guutamteerti; sirna kee na barsiisi.
Yahwe, nchi, imejaa uaminifu wa agano lako; unifundishe sheria zako. TETH.
65 Yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti, tajaajilaa keetiif waan gaarii gooteerta.
Wewe umemtendea mema mtumishi wako, Yahwe, sawasawa na neno lako.
66 Murtii gaarii fi beekumsa na barsiisi; ani ajajawwan keetti nan amanaatii.
Unifundishe utambuzi sahihi na uelewa, kwa kuwa nimeamini katika amri zako.
67 Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture; amma garuu dubbii kee nan eega.
Kabla sijateswa nilipotea, lakini sasa nimelitii neno lako.
68 Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha; sirna kee na barsiisi.
Wewe ni mwema, na ndiye yule utendaye mema; unifundishe sheria zako.
69 Of tuultonni yoo sobaan maqaa na balleessan iyyuu, ani garaa koo guutuudhaan seera kee nan eega.
Wenye kiburi wamenichafua kwa uongo, lakini niliyashika maagizo yako kwa moyo wangu wote.
70 Onneen isaanii mooraan haguugamteerti; ani garuu seera keetti nan gammada.
Mioyo yao ni migumu, lakini ninafurahia katika sheria yako.
71 Akka ani sirna kee baradhuuf, rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
Ni vizuri kwangu kuwa nimeteseka ili niweze kujifunza sheria zako.
72 Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.
Maagizo yatokayo kinywani mwako ni ya thamani zaidi kwangu kuliko maelfu ya vipande vya dhahabu na fedha. YOD.
73 Harki kee na uume; na tolches; akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni.
Mikono yako imeniumba na kunitengeneza; unipe uelewa ili niweze kujifunza amri zako.
74 Sababii ani dubbii kee abdadheef, warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan.
Wale wanao kucha wewe watafurahi wanionapo kwa sababu ninapata tumaini katika neno lako.
75 Yaa Waaqayyo, ani akka murtiin kee qajeelaa taʼe, akka atis amanamummaadhaan na dhiphiste beeka.
Ninajua, Yahwe, kuwa amri zako ni za haki, na kuwa katika uaminifu ulinitesa.
76 Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu.
Agano lako aminifu na linifariji, kama ulivyomwahidi mtumishi wako.
77 Akka ani lubbuun jiraadhuuf gara laafinni kee gara koo haa dhufu; seerri kee gammachuu kootii.
Unihurumie ili niweze kuishi, kwa maana sheria yako ni furaha yangu.
78 Of tuultonni waan sababii malee na yakkaniif haa qaanaʼan; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
Wenye kiburi na waaibishwe, maana wamenitukana; bali mimi nitayatafakari maagizo yako.
79 Warri si sodaatan, kanneen seera kee hubatan gara kootti haa deebiʼan.
Wale wote wanao kucha wewe na wanigeukie, wale wazijuao amri za agano lako.
80 Akka ani hin qaanofneef garaan koo seera kee duratti hanqina hin qabaatin.
Moyo wangu uwe mkamilifu pamoja na heshima kwa sheria zako ili nisiaibike. KAPH.
81 Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi; ani garuu dubbii kee nan abdadha.
Ninazimia kwa kutamani sana kuwa wewe unaweza kuniokoa! Ninamatumaini katika neno lako.
82 Iji koo waadaa kee eeggachuudhaan dadhabe; anis, “Ati yoom na jajjabeessita?” nan jedha.
Macho yangu yanatamani sana kuiona ahadi yako; ni lini utanifariji mimi?
83 Qalqalloo wayinii kan aara keessa ture fakkaadhus ani ajaja kee hin irraanfadhu.
Kwa maana nimekuwa kama kiriba katika moshi; sisahau sheria zako.
84 Tajaajilaan kee hamma yoomiitti obsuu qaba? Ati warra na ariʼatanitti yoom murta?
Ni kwa muda gani gani mtumishi wako atalazimika kuyavumilia haya; ni lini utawahukumu wale wanaonitesa?
85 Of tuultonni warri akka seera keetiitti hin bulle, boolla naa qotaniiru.
Wenye kiburi wamenichimbia shimo, wasiotii sheria yako.
86 Ajajawwan kee hundinuu amanamoo dha; namoonni sababii malee waan na ariʼataniif ati na gargaari.
Amri zako zote ni za kuaminika; wale watu walinitesa bila ya haki; unisaidie.
87 Isaan lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan; ani garuu sirna kee hin dhiifne.
karibu kunifanya nifikie mwisho juu ya nchi hii, lakini siyakatai maagizo yako.
88 Ati akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari; anis seera afaan keetii baʼu nan eega.
Kwa upendo wako thabiti, uniweke hai, ili niweze kuzitii amri zako. LAMEDH.
89 Yaa Waaqayyo, dubbiin kee bara baraan jiraata; samii keessas jabaatee ni dhaabata.
Yahwe, neno lako linasimama milele; neno lako limefanywa imara mbinguni.
90 Amanamummaan kee dhaloota hundaaf itti fufa; ati lafa hundeessite; isheenis ni jiraatti.
Uaminifu wako wadumu kwa ajili ya vizazi vyote; umeiimarisha nchi, nayo inadumu.
91 Sababii wanni hundinuu si tajaajiluuf, seerri kee hamma harʼaatti jiraateera.
Vitu yote yaliendelea mpaka leo hii, kama vile ulivyosema katika amri zako za haki, maana vitu vyote ni watumishi wako.
92 Utuu seerri kee gammachuu naa taʼuu baatee, ani silaa rakkina kootiin badeen ture.
Kama sheria yako isingekuwa furaha yangu, ningeangamia katika mateso yangu.
93 Sababii ati isaan na jiraachifteef, ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu.
Sitayasahau kamwe maagizo yako, maana kupitia hayo umeniweka hai.
94 Sababii ani kan kee taʼeef na fayyisi; anis sirna kee barbaadeera.
Mimi ni wako, kwa maana ninayatafuta maagizo yao.
95 Hamoonni na balleessuuf na eeggachaa jiru; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
Waovu hujiandaa kuniangamiza, lakini nitatafuta kuzielewa amri za agano lako.
96 Ani akka wanni mudaa hin qabnee hundinuu daangaa qabu argeera; ajajni kee garuu baayʼee balʼaa dha.
Nimeona kuwa kila kitu kina mipaka, lakini amri zako ni pana, zaidi ya mipaka. MEM.
97 Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
Oh ni jinsi gani naipenda sheria yako! Ni tafakari yangu mchana kutwa.
98 Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif, diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
Amri zako hunifanya mwenye hekima kuliko adui zangu, maana amri zako siku zote ziko pamoja nami.
99 Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf, barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
Ninauelewa zaidi kuliko walimu wangu wote, kwa maana ninazitafakari amri za agano lako.
100 Ani sababiin ajaja kee eeguuf, maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.
Ninaelewa kuliko wale wanaonizidi umri; hii ni kwa sababu nimeyashika maagizo yako.
101 Ani akkan dubbii kee eeguuf, karaa hamaa hunda irraa miilla koo adabadheera.
Nimeiepusha miguu yangu na kila njia ya uovu ili niweze kulitii neno lako.
102 Waan ati mataan kee na barsiifteef, ani seera kee irraa hin fagaanne.
Sijaenda kinyume na amri zako za haki, kwa maana wewe umenifundisha.
103 Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!
Ni jinsi gani maneno yako ni matamu kwenye majaribu yangu, naam, matamu kuliko asali kinywani mwangu!
104 Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera; kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba.
Kupitia maagizo yako ninapata utambuzi; kwa hiyo kila njia isiyo ya kweli.
105 Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.
Neno lako ni taa ya mguu miguu yangu na mwanga wa njia yangu.
106 Ani akkan seera kee qajeelaa sana eeguuf, kakadheera; kanas mirkaneesseera.
Nimeapa na nimethibitisha, kuwa nitazitii amri za haki yako.
107 Ani akka malee dhiphadheen jira; yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti lubbuu koo baraari.
Nimeteswa sana; uniweke hai, Yahwe, kama ulivyoahidi katika neno lako.
108 Yaa Waaqayyo, galata fedhiidhaan afaan kootii baʼu fudhadhu; seera kees na barsiisi.
Yahwe, tafadhali pokea dhabihu yangu ya hiari ya kinywa changu, na unifundishe amri zako za haki.
109 Jireenyi koo yeroo hunda harka koo keessa jiraatu iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
Uhai wangu ziku zote uko mkononi mwangu, lakini bado sisahau sheria yako.
110 Hamoonni kiyyoo naa kaaʼaniiru; ani garuu ajaja kee irraa hin jalʼanne.
Waovu wamenitegea mtego, lakini sijapotea mbali na maagizo yako.
111 Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti; gammachuu garaa kootiitis.
Nimezifanya amri za agano lako kama urithi wangu milele, maana hizo ni furaha ya moyo wangu.
112 Garaan koo hamma dhumaatti ajaja kee eeguuf kutateera.
Moyo wangu umewekwa kuzitii sheria zako milele mpaka mwisho kabisa. SAMEKH.
113 Ani nama yaada lamaa nan jibba; seera kee garuu nan jaalladha.
Ninawachukia watu wa kusita-sita, lakini naipenda sheria yako.
114 Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti; ani dubbii kee abdadheera.
Wewe ni ficho langu na ngao yangu; nalingoja neno lako.
115 Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf, isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa!
Ondokeni kwangu, ninyi mtendao uovu, ili niweze kuzitii amri za Mungu wangu.
116 Ati akkuma waadaa keetiitti na deeggari; anis nan jiraadha; akka ani abdii kootti qaanaʼu na hin godhin.
Uniwezeshe kwa neno lako ili niweze kuishi na nisiaibike na matumaini yangu.
117 Akka ani nagaadhaan jiraadhuuf na deeggari; yeroo hunda seera kee nan kabaja.
Unisaidie, nami nitakuwa salama; siki zote nitazitafakari sheria zako.
118 Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.
Wewe huwakataa wale wote wapoteao mbali na sheria zako, maana watu hao ni wadanganyifu na si wakuaminika.
119 Ati hamoota lafa irraa hunda akka kosiitti gatta; kanaafuu ani seera kee nan jaalladha.
Wewe huwaondoa waovu wa nchi kama takataka; kwa hiyo ninazipenda amri zako thabiti.
120 Foon koo si sodaachuudhaan hollata; anis murtii kee nan sodaadha.
Mwili wangu hutetemeka kwa hofu yako, na ninaziogopa amri za haki yako. AYIN.
121 Ani waan qajeelaa fi tolaa hojjedheera; ati warra na hacuucanitti dabarsitee na hin kennin.
Ninafanya kilicho sahihi na haki; usiniache kwa watesi wangu.
122 Nagaan jiraachuu tajaajilaa keetii mirkaneessi; akka of tuultonni na cunqursanis hin eeyyamin.
Uwe mdhamini wa ustawi wa mtumishi wako; usiwaache wenye kiburi wanionee.
123 Iji koo fayyisuu kee eeguudhaan, waadaa kee qajeelaas eeguudhaanis dadhabeera.
Macho yangu yanachoka kwa kuusubiri wokovu wako na neno lako la haki.
124 Akkuma jaalala keetiitti tajaajilaa kee yaadadhu; seera kees na barsiisi.
Mwoneshe mtumishi wako uaminifu wa agano lako, na unifundishe sheria zako.
125 Ani tajaajilaa kee ti; akka ani ajaja kee beekuuf hubannaa naa kenni.
Mimi ni mtumishi wako; unipe uelewa ili niweze kuzijua amri za agano lako.
126 Yaa Waaqayyo, kun yeroo ati itti hojjettuu dha; seerri kee cabsamaa jiraatii.
Ni wakati wa Yahwe kutenda, kwa maana watu wamevunja sheria yako.
127 Kanaafuu ani warqee caalaa, warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha;
Hakika ninazipenda amri zako kuliko dhahabu, naam, kuliko dhahabu safi.
128 ani akka seerri kee hundi qajeelaa taʼe nan amana; daandii sobaa hundas nan jibba.
Hivyo ninayafuata maagizo yako yote kwa makini, na ninachukia kila njia ya uongo. PE.
129 Sirni kee dinqisiisaa dha; kanaafuu ani isa nan eega.
Sheria zako ni za ajabu, ndiyo sababu ninazitii.
130 Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna; wallaalotaafis hubannaa kenna.
Ufafanuzi wa maneno yako huleta nuru; na kumpa ufahamu mjinga.
131 Ani ajajawwan kee hawwuudhaan afaan koo banee nan hargana.
Ninafungua kinywa changu na kutweta, maana ninazitamani amri zako.
132 Ati akkuma yeroo hunda warra maqaa kee jaalataniif gootu sana, gara kootti garagalii na maari.
Unigeukie na unihurumie, kama ufanyavyo siku zote kwa wale walipendao jina lako.
133 Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi; cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin.
Uziongoze hatua zangu kwa neno lako; usiruhusu dhambi yeyote initawale.
134 Akka ani ajaja kee eeguuf hacuuccaa namootaa jalaa na furi.
Unikomboe dhidi ya wanadamu waonevu ili niyatii maagizo yako.
135 Akka fuulli kee tajaajilaa kee irratti ifu godhi; sirna kees na barsiisi.
Uso wako umwangazie mtumishi wako, na unifundishe sheria zako.
136 Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, iji koo imimmaan lolaasa.
Mito ya machozi yatiririka kutoka machoni pangu kwa sababu watu hawaitii sheria yako. TSADHE.
137 Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha; murtiin kees qajeelaa dha.
Wewe ni mwenye haki, Yahwe, na amri zako ni haki.
138 Seerri ati kennite qajeelaa dha; guutummaattis amanamaa dha.
Umezipa amri za agano lako haki na uaminifu.
139 Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif, hinaaffaan ani qabu na guggubeera.
Hasira imeniangamiza kwa sababu adui zangu husahau maneno yako.
140 Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera; tajaajilaan kees isa jaallata.
Neno lako limepimwa sana, naye mtumishi wako analipenda.
141 Xinnaadhee tuffatamu iyyuu, ani ajaja kee hin irraanfadhu.
Sina umuhimu na ninadharauliwa, lakini bado siyasahau maagizo yako.
142 Qajeelummaan kee bara baraan jiraata; seerri kees dhugaa dha.
Hukumu yako ni ya haki milele, na sheria yako ni ya kuaminika.
143 Rakkinnii fi dhiphinni natti dhufeera; ajajawwan kee garuu gammachuu koo ti.
Japo dhiki na taabu vimenipata, amri zako bado ni furaha yangu.
144 Seerri kee bara baraan qajeelaa dha; akka ani jiraadhuuf hubannaa naa kenni.
Amri za agano lako ni za haki milele; unipe uelewa ili niweze kuishi. QOPH.
145 Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin waammadha; deebii naa kenni; anis sirna keetiif nan ajajama.
Nililia kwa moyo wangu wote, “Unijibu, Yahwe, nitazishika sheria zako.
146 Ani sittin iyyadha; ati na fayyisi; seera kees nan eega.
Ninakuita wewe; uniokoe, nami nitazitii amri za agano lako.”
147 Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha; ani dubbii kee abdadheera.
NInaamka asubuhi kabla jua halijachomoza na kulia kwa ajili ya msaada.
148 Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, iji koo halkan guutuu banamee bula.
Ninatumaini katika maneno yako. Macho yangu yako wazi usiku kucha ili niweze kutafakari juu ya neno lako.
149 Akkuma jaalala keetiitti sagalee koo dhagaʼi; Yaa Waaqayyo, akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
Sikia sauti yangu katika uaminifu wa agano lako; uniweke hai, Yahwe, kama ulivyoahidi katika amri zako za haki.
150 Warri daba mariʼatan as dhiʼoo jiru; seera kee irraa garuu fagoo jiru.
Wale wanaonitesa wananikaribia, lakini wako mbali na sheria yako.
151 Yaa Waaqayyo, ati garuu dhiʼoo jirta; ajajawwan kee hundis dhugaa dha.
Wewe uko karibu, Yahwe, na amri zako ni za kuaminika.
152 Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite, ani seera kee irraa dur baradheera.
Muda mrefu uliopita nilijifunza kutoka katika amri za agano lako ulizoziweka katika mahali pa milele. RESH.
153 Dhiphina koo argiitii na oolchi; ani seera kee hin daganneetii.
Uyatazame mateso yangu na unisaidie, maana siisahau sheria yako.
154 Dubbii koo naa falmi; na furis; akkuma waadaa keetiitti lubbuu koo baraari.
Unitetee na kunikomboa; unihifadhi, kama ulivyo ahidi katika neno lako.
155 Sababii isaan sirna kee hin barbaanneef, fayyinni hamoota irraa fagaateera.
Wokovu uko mbali na waovu, maana hawazipendi amri zako.
156 Yaa Waaqayyo, gara laafinni kee guddaa dha; akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
Matendo yako ya huruma ni makuu, Yahwe; uniweke hai; kama ufanyavyo siku zote.
157 Diinonni koo warri na ariʼatan baayʼee dha; ani garuu seera kee irraa hin jalʼanne.
Watesi wangu na adui zangu ni wengi, lakini bado sijaenda mbali na amri za agano lako.
158 Sababii isaan dubbii keetiif hin ajajamneef, ani warra amantii hin qabne ija jibbaatiin nan ilaala.
Nimewaona wasaliti wakitia kinyaa kwa sababu hawalishiki neno lako.
159 Akkam akka ani qajeelfama kee jaalladhu mee ilaali; Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari.
Tazama jinsi niyapendavyo maagizo yako; uniweke hai, Yahwe, kama ulivyoahidi katika uaminifu wa agano lako.
160 Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha; seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
Kiini cha neno lako ni kweli; kila mmoja mwenye amri za haki hudumu milele. SHIN.
161 Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan; garaan koo garuu dubbii kee sodaachuudhaan hollata.
Wakuu hunitesa bila sababu; moyo wangu hutetemeka, ukiogopa kutolitii neno lako.
162 Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, dubbii keetti nan gammada.
Ninalifurahia neno lako kama apataye nyara nyingi.
163 Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas; seera kee garuu nan jaalladha.
Ninachukia na kudharau uongo, lakini naipenda sheria yako.
164 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani guyyaatti yeroo torba sin galateeffadha.
Mara saba kwa siku ninakusifu wewe kwa sababu ya amri zako za haki.
165 Warri seera kee jaallatan nagaa guddaa qabu; wanni isaan gufachiisu tokko iyyuu hin jiru.
Wana amani nyingi, waipendao sheria yako; hakuna cha kuwatia mashakani.
166 Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan abdadha; ajaja kee duukaas nan buʼa.
Naungoja wokovu wako, Yahwe, na ninatii amri zako.
167 Ani waanan guddaa isa jaalladhuuf, ajaja kee nan eega.
Ninazishika amri zako thabiti, na ninazipenda sana.
168 Ati karaa koo hunda waan beektuuf, ani sirna keetii fi seera kee nan eega.
Ninayashika maagizo yako na amri zako thabiti, kwa maana unajua kila kitu nifanyacho. TAV.
169 Yaa Waaqayyo, iyyi koo fuula kee dura haa gaʼu; ati akkuma dubbii keetiitti hubannaa naa kenni.
Sikia kilio changu, Yahwe; unipe uelewa wa neno lako.
170 Waammanni koo fuula kee dura haa gaʼu; akkuma waadaa keetiitti na baasi.
Maombi yangu yaje mbele zako; unisaidie, kama ulivyoahidi katika neno lako.
171 Sababii ati qajeelfama kee na barsiiftuuf, hidhiin koo galata haa dhangalaasu.
Midomo yangu na imwage sifa, maana wewe unanifundisha sheria zako.
172 Arrabni koo dubbii kee haa faarfatu; ajajni kee hundi qajeelaadhaatii.
Ulimi wangu na uimbe kuhusu neno lako, maana amri zako zote ni za haki.
173 Waan ani sirna kee filadheef, harki kee na gargaaruuf haa qophaaʼu.
Mkono wako unisaidie, maana nimechagua maagizo yako.
174 Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan hawwa; seerri kees gammachuu koo ti.
Ninautamani wokovu wako, Yahwe, na sheria yako ni furaha yangu.
175 Lubbuun koo si galateeffachuuf haa jiraattu; seerri kees na haa gargaaru.
Naomba niishi na nikusifu wewe, na amri zako za haki zinisaidie.
176 Ani akkuma hoolaa badee karaa irraa jalʼadheera. Ani ajajawwan kee hin irraanfanneetii, tajaajilaa kee barbaadi.
Nimetanga-tanga kama kondoo aliyepotea; mtafute mtumishi wako, kwa maana sijazisahau amri zako.

< Faarfannaa 119 >