< Faarfannaa 118 >

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
הוֹד֣וּ לַיהוָ֣ה כִּי־ט֑וֹב כִּ֖י לְעוֹלָ֣ם חַסְדּֽוֹ׃
2 Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
יֹֽאמַר־נָ֥א יִשְׂרָאֵ֑ל כִּ֖י לְעוֹלָ֣ם חַסְדּֽוֹ׃
3 Manni Aroonis, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
יֹֽאמְרוּ־נָ֥א בֵֽית־אַהֲרֹ֑ן כִּ֖י לְעוֹלָ֣ם חַסְדּֽוֹ׃
4 Warri Waaqayyoon sodaatan, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.
יֹֽאמְרוּ־נָ֭א יִרְאֵ֣י יְהוָ֑ה כִּ֖י לְעוֹלָ֣ם חַסְדּֽוֹ׃
5 Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe; innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
מִֽן־הַ֭מֵּצַ֥ר קָרָ֣אתִי יָּ֑הּ עָנָ֖נִי בַמֶּרְחָ֣ב יָֽהּ׃
6 Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?
יְהוָ֣ה לִ֭י לֹ֣א אִירָ֑א מַה־יַּעֲשֶׂ֖ה לִ֣י אָדָֽם׃
7 Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti. Anis diinota koo nan moʼadha.
יְהוָ֣ה לִ֭י בְּעֹזְרָ֑י וַ֝אֲנִ֗י אֶרְאֶ֥ה בְשֹׂנְאָֽי׃
8 Nama amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
ט֗וֹב לַחֲס֥וֹת בַּיהוָ֑ה מִ֝בְּטֹ֗חַ בָּאָדָֽם׃
9 Qondaaltota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
ט֗וֹב לַחֲס֥וֹת בַּיהוָ֑ה מִ֝בְּטֹ֗חַ בִּנְדִיבִֽים׃
10 Saboonni hundinuu na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
כָּל־גּוֹיִ֥ם סְבָב֑וּנִי בְּשֵׁ֥ם יְ֝הוָ֗ה כִּ֣י אֲמִילַֽם׃
11 Isaan karaa hundaan na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
סַבּ֥וּנִי גַם־סְבָב֑וּנִי בְּשֵׁ֥ם יְ֝הוָ֗ה כִּ֣י אֲמִילַֽם׃
12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan; garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan; anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
סַבּ֤וּנִי כִדְבוֹרִ֗ים דֹּ֭עֲכוּ כְּאֵ֣שׁ קוֹצִ֑ים בְּשֵׁ֥ם יְ֝הוָ֗ה כִּ֣י אֲמִילַֽם׃
13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture; Waaqayyo garuu na gargaare.
דַּחֹ֣ה דְחִיתַ֣נִי לִנְפֹּ֑ל וַ֖יהוָ֣ה עֲזָרָֽנִי׃
14 Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.
עָזִּ֣י וְזִמְרָ֣ת יָ֑הּ וַֽיְהִי־לִ֝֗י לִֽישׁוּעָֽה׃
15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama; “Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
ק֤וֹל ׀ רִנָּ֬ה וִֽישׁוּעָ֗ה בְּאָהֳלֵ֥י צַדִּיקִ֑ים יְמִ֥ין יְ֝הוָה עֹ֣שָׂה חָֽיִל׃
16 Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera; harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!”
יְמִ֣ין יְ֭הוָה רוֹמֵמָ֑ה יְמִ֥ין יְ֝הוָה עֹ֣שָׂה חָֽיִל׃
17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu; waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.
לֹֽא אָמ֥וּת כִּי־אֶֽחְיֶ֑ה וַ֝אֲסַפֵּ֗ר מַֽעֲשֵׂ֥י יָֽהּ׃
18 Waaqayyo jabeessee na adabeera; garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
יַסֹּ֣ר יִסְּרַ֣נִּי יָּ֑הּ וְ֝לַמָּ֗וֶת לֹ֣א נְתָנָֽנִי׃
19 Karra qajeelummaa naa banaa; anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.
פִּתְחוּ־לִ֥י שַׁעֲרֵי־צֶ֑דֶק אָֽבֹא־בָ֝ם אוֹדֶ֥ה יָֽהּ׃
20 Kun karra Waaqayyoo, kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
זֶֽה־הַשַּׁ֥עַר לַיהוָ֑ה צַ֝דִּיקִ֗ים יָבֹ֥אוּ בֽוֹ׃
21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha; ati fayyina naa taateerta.
א֭וֹדְךָ כִּ֣י עֲנִיתָ֑נִי וַתְּהִי־לִ֝֗י לִֽישׁוּעָֽה׃
22 Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
אֶ֭בֶן מָאֲס֣וּ הַבּוֹנִ֑ים הָ֝יְתָ֗ה לְרֹ֣אשׁ פִּנָּֽה׃
23 Waaqayyo waan kana hojjeteera; kunis ija keenyatti dinqii dha.
מֵאֵ֣ת יְ֭הוָה הָ֣יְתָה זֹּ֑את הִ֖יא נִפְלָ֣את בְּעֵינֵֽינוּ׃
24 Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha; kottaa ni ililchina; itti gammannas.
זֶה־הַ֭יּוֹם עָשָׂ֣ה יְהוָ֑ה נָגִ֖ילָה וְנִשְׂמְחָ֣ה בֽוֹ׃
25 Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi; Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.
אָנָּ֣א יְ֭הוָה הוֹשִׁ֘יעָ֥ה נָּ֑א אָֽנָּ֥א יְ֝הוָ֗ה הַצְלִ֘יחָ֥ה נָּֽא׃
26 Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha. Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.
בָּר֣וּךְ הַ֭בָּא בְּשֵׁ֣ם יְהוָ֑ה בֵּ֝רַֽכְנוּכֶ֗ם מִבֵּ֥ית יְהוָֽה׃
27 Waaqayyo Waaqa; ifa isaas nuu irratti ibseera. Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa; gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
אֵ֤ל ׀ יְהוָה֮ וַיָּ֪אֶר לָ֥נוּ אִסְרוּ־חַ֥ג בַּעֲבֹתִ֑ים עַד־קַ֝רְנ֗וֹת הַמִּזְבֵּֽחַ׃
28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha; ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.
אֵלִ֣י אַתָּ֣ה וְאוֹדֶ֑ךָּ אֱ֝לֹהַ֗י אֲרוֹמְמֶֽךָּ׃
29 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
הוֹד֣וּ לַיהוָ֣ה כִּי־ט֑וֹב כִּ֖י לְעוֹלָ֣ם חַסְדּֽוֹ׃

< Faarfannaa 118 >